Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afrikaan Buichiinsa Prezidaant Baaydiin Attamiin Ilaalaa Jirti? 


Prezidaantiin Yunaaytid Isteetes Joo Baaydin aangoo eega qabatanii guyyaa 100 keessatti milkaa’iina heedduu argamsiisuuf kan yaalan yoo ta’u irra hedduu isaa weerara vaayrasii koroonaa Amerikaa keessaa dhabamsisuu irratti fulleefatan.Yaaliin prezidaant Baaydiin kun biyyoota Afrikaa biratti simannaa muraasa argatee jira.Prezidaant Baaydiin guyyaa aangoo itti qabatan isa jalqabaa Amerikaan jaarmayaa Fayyaa Addunyaa keessaa akka baatuuf prezidaantichii duraanii Traamp karoora baasanii fi wal falmisiisaa ture sana dhaaban.Kunis keessumaa hayyonni Afrikaa simatanii jiru.

Kana malees Baaydin Doolaara Biliyoona 2 dabalataan dhaabata KOVAAKS jedhamuuf ramaduun biyyootiin hiyyeeyyiin akka talaalii dhukkuba Kooviid-19 ittisuu argatan taasiisan.

Ergasii boodas guyyaa aangoo itti qabatan isa 90ffaa irratti bulchiinsii Baaydin ajjeechaa gurraacha Amerikaa hidda dhalata Afrikaa qabu kan Joorj Flooyids kan ilaaleen jechootaa fi haasawaa biyyoota Afrikaa irra hedduu garaa ciibsee dhageesisan.

Xinxaltonni Afrikaa kan akka Asandaa Ngoasheng kan magaalaa Keep Taawuun kan Afrikaa kibbaa irraa waa’ee saalaa fi gosaa kan ilaaleen leenjii kennan akka jedhanti Baaydin Amerkaa keessa rakkoon caasaa sanyii akka jiru amanuun isaanii simatan.

Diploomaatii Amerikaa ta’uun biyyoota alaa keessatti waggoota kurna hedduuf kan hojjatan Brooks Speektar yeroo ammaa Johaanesburg keessa kan jiran yoo ta’u Baaydin Afrikaaf waan fiduuf jiran yeroon kan deebisuu ta’a jedhan.Hojiin prezidaantoonni seenaa isaanii keessatti dhiisanii darban guyyaa waggoota keessatti kan hojjataman malee kan guyyaa 100 miti jedhan.

XS
SM
MD
LG