Xurree ittiin seenan

Breaking News

Heliikooptara waraanaa Kuffisne: Riphxee Looltoota Chaad 


Riphxee looltoonni Chaad kanneen mootummaa ce’umsa biyyatti aangoo irraa darbuuf fedhan Kamiisa kaleessaa Heliikooptara waraana biyyatti haleelamii kuffisuu isaanii ibsan.

Gara jalqaba torban kanaa hiriirtoota mormii dhageesisaa turan waliin hokkara uumameen yoo xiqqaatee namnii 6 eega ajjeefamanii booda, mootummaan waraanaa biyyatti bulchaa jiru hiriirrii akka lamuu hin gaggeeffamne akeekkachisee jira.

Mootummaan Chaad akka jedhutti riphxee looltonni torban dabree prezidaantii biyyatti ajjeesan karaa daangaan gara Nijeerti baqatan.Gama kaaniin Riphxee looltonni Kamiisa kaleessaa ibsa baasanii magaala Chaad kan taatee Nohou kan to’atan ta’uu fi iddoon kunis Magaalaa guddoo Chaad Mjaaminaa irraa fageenya kilo Meetra 300 irratti akka argamtu ibsan.

Kan riphxee looltonni jedhan kun madden walabaan mirkanii kan hin arganne.Garu magaalaa Injaamiinaa haleeluun mootummaa haaraa ilma prezidaanticha ajjeefamaniin gaggeeffamuu aangoo irraa darbina jechuun sodaachiisaa jiran.

Mormiitonni siyaasaa ka biyyatti mootummaan waraanaa biyyattii balaaleeffachuun akka mootummaan ce’umsaa Siviilootaa kan prezidaantii gumii biyyooleesaan hogganamuu dhaabachuu qaba jedhu.

XS
SM
MD
LG