Xurree ittiin seenan

Breaking News

Zoonii Walloo Kibbaatti Hojjattoonni Filannoo Ojii Galmeessuu Dhaabun Himame


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Magaalaa dassee dabalatee aanootii zoonii walloo kibbaa jala jiran keessattii raawwachiiftonnii filannoo waan ojii isaanii dhaabaniif galmaa’umsa filatootaa irratii rakkina uumuu isaa paartileen mormitootaa beekkisisaniiru.

Waltti qabaan Paartilee magaala dasseetii dorgomanii kan ta’an Mangiistuu amadee aakk VOAti himanitii, warrii filannoo raawachiisan kan ojii dhaaban kaffaltiin Boordii filannoo iraa argachaa turan waan gargar citeefi.

Booridii filannoo Itoophiyaatti itti gaafatamtuu dhimmaa walquunnamitii kan ta’an Soliyaanaa shimalis, sababa kafaltii dhabuutiin namoonnii ojii isaanii dhaaban jiraachuu isaanii hin beeknu , garuu namootan filannoo raawwachisa kumaatamaan lakkawamaniif of eeggannoodhaan kaffaltii kennuun waan barbaachisuuf kaffaltiin turuu hin danada’a jechuun isaanii beekameera.

XS
SM
MD
LG