Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu'iinsa Naannoo Amaaraa Godina Hawaasa Waag Hemraa Keessatti Dilbata Darbe Dhaqqabe


Magaala Baahir Daar (suuraa faayilii)
Magaala Baahir Daar (suuraa faayilii)

Dilbata darbe halkan walakkaa booda sa’atii saddeetitti naannoo Bulchiinsa naannoo Amaaraa, godina hawaasa Waag Hemraa, aanaa Abergellee magaalaa Niqaaraa keessatti walttii bu’iinsaa Humnna Mootummaatiif hidhattoota TPLF gidduutti raawatameen lubbuun namaa baduu isaattif, qabeenyaa irratti miidhaan gahuun isaa gabaasameera.

Rakkina kanarraa kan ka’e, jiraatonii soda keeessa jiraachuu isaanitiif waajjirriif manoottan daldalaa cufamanii akka jiran bulchaan aanaa Abergellee Destaa Lemmaa VOAtti dubbataniiru.

Lollii sun hanga Wixata walakkeessa guyyaatti itti fufuu isaa kan dubbataan bulchaan aanichaa, Aanaan sun raayyaa waraanaa waliin sochii irra kan jiru ta’uu beeksisaniiru. Itti aanaan itti gaafatamaan waajjira nageenya godinaa sanaa Azeze Adaanee dhimma kana mirkaneessaniiru.

Akka itti gaafatamaan kun jedhanitti reenfii namootan walti bu’iinsa Kanaan midhaman 15 jiratotaan awaalameera.

Haleelllaa sana jalaa baqatanii gara magaalaa Seqoxaatti dheessuunf dirqamuu isaaniis jiraattonii dubbataniiru.

Rakkina Kanaan Lakkoobsa namoota naannoo Sanaa irraa buqqa’anii fi deggersa godhamaa jiru ilaalchisee ragaa bal’aa of harkaa akka hin qabaanne hoggantoonnii aanichaa dubbatanii, guyyoota itti aanan keessa kan beeksisan ta’uu ibsaniiru.

Haleellaan sun qabeenyaa saamuu of keessaa qaba kan jedhan namni maqaan isaanii hin akka hin tuqamne gaafatan, Akka jedhanitti haleellaan sun callisee kan raawwatame utuu hin taane, kan karoorfame jedhniiru jechuun, gabaasaan VOA Mesfin Arage gabaaseera.

XS
SM
MD
LG