Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Joo Baayiden Kongresii Biyya Isaaniif Haasaa Dhageessisuuf Jiru 


Prezidaant Joo Baayiden
Prezidaant Joo Baayiden

Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden, har’a galgala ennaa kongresiif haasaa dhageessisan biyyoota ka biroo waliin attamiin hariiroo uumuu fi waltajjii addunyaa irratti attamiin qooda hooggantummaa fudhachuun danda’amu ilaalchisee karoora qaban ibsu jedhamee eegama.

Dubbi himtuun White House Jen Psaki haasaa Baayiden dura akka dubbatanitti yaadi Baayiden imaammata alaa ilaalchsee dhiyeessan “Idoo Ameerikaan addunyaa keessaa qabdu bakkatti deebisuu, akka biyyaatti safuun keenya maali ?kan jedhu of keessaa qaba jedhan. Prezidaantichi wal ta’iinsa Chaayinaa waliin jiru dabalatee imaammata ala agama ilaaleen kan isaan dursa kennaniif hedduu irratti dubbachuun isaanii illee hin hafu jedhan.

Bulchiinsi baayiden qaamotii michoota ta’an waliin daran hojjechuuf dhiibbaa gochuun, jechuun baatii kana loltoota Afgaanistan gamasii baasuu ilaalichiee miseensota NATO waliin qindoominaan hojjechuu dha.

Afaan yaa’iin mana maree Nancy Pelosi prezideent Baayideniin rakkoo yeroo seena qabeessa kanaaf furmaata barbaaduuf carraawwan jiraniif mul’ata jiru iraatti prezidaantichi aangoo qabatanii guyyoota 100 keessatti haasaa akka dhgeessisan mana maree bakka bu’otaatti afeeraniiru.

Psakiin akka jedhanitti kaka’umsi imaammata Baaiden ijoon barnootaa fi kunuunsa ijoollee irratti maallaqa baasu dha jedhan.

Wixineen dhiyaate maallaqi doolaara triliyoona $1.8 ta’u waggoota 10 itti aanuuf mana barnootaa ijoollee xiqqoon waliin ga’uu, barumsa kollejii hawaasaa kan waggaa lamaa tola kennamu, oolmaa daa’immanii maatiiwwan galiin isaanii waggaatti yoo xiqqaat doolaara $250 argatan, laaqana tolaa fi gatii gad aanaa kan mana barnootaaf oola jedha.

Haasaan isaanii kan roobii har’aa naga eegumsa cimaa naannoo biilsa mana mareetti taasisamuun geggeessama.

XS
SM
MD
LG