Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gorsaan Prezidaantii Eertraa Oduun Sabaa Himaan Facaasame Biyya Koo Maqaa Balleesse Jedhu 


Gorsaa prezidaantii Eertraa , Yemaanee Gebreab
Gorsaa prezidaantii Eertraa , Yemaanee Gebreab

Gorsaa prezidaantii Eertraa kan ta’an Yemaanee Gebreab tweeter irratti maxxansuu dhaan duulli maqa balleessii Eertraa irratti raawwatamaa jiru karoora hamminaaf jecha itti fufu jedhan. loltoota Eertraatiin gargaarsi midhaan nyaataa naannoo Tigraayitti akka hin darbine ugguramee, saamame kan jedhu madden eenyummaan isaa hin beekamneen walitti aanuun kan gabaasamu oduu uumamee dubbatamu kan AP dhaan gabaasame jedhan.

Eertraan wixinee fi ibsa gaazixeessotaaf kenname kan sirnaa simatte. Garuu Iriyoopiyaa keessa kan ture bulchiinsi TPLF gaaffii tole jechuu Eertraa biraa dhiyaateef waan hin simanneef karoorri jiru hin milkaa’in hafe jedhan.

Bara 1999 keessa waraansa daangaa suukaneessaa Itiyoopiyaa waliin geggeessameen daayirikterri USAID rakkoon sun hamaa waan ta’eef jecha gargaarsi midhaan nyaataa Itiyoopiyaaf dhaqu karaa Asab ba’ee gama Jabuutiin akka ergamu eeyama argachuuf Finfinnee fi Asmaraa gidduu deemaa turan. Seenaan haala qabatamaa kanaa fi barnooti irraa argamu Eertraan gargaarsa namoomaa ilaalchiee hagam naamusa irratti akka hundoofteef ejjennoo cimaa qabaachuu mul’isa jedhan. haa ta’u malee barbaachisaa ta’us, miidiyaaleen qorannaa hanga tokko utuu hin hin geggeessaminii fi ragaan utuu hin jiraatin oduu uumamee dubbatamu maaliif fayyadamu jedhan.

Dhugumatti kana maraaf kaleessa AFPf deebiin kennamus, garuu keessaa kutanii maxxansan. Amma immo al-jazeeraan gabaasa cite ka biroo loltoonni Eertraa maasii midhaanii guban jedhu maxxansuuf jira jechuu dhaga’een jira. dhugaa jiru kan Yeroon oomishaa Fulbaanaa hanga sadaasaatti ta’u ni dagatame jedhan.

Hoogganaan Command Post naannoo Tigraay General Yohannes Gebremeskel Tesfamariam, kaleessa AFP ibsa kennaniin torbanneen lamaan darban keessa keellaa sakatta’aa keessumaa kanneen loltoota Eertraan to’atamu bira darbuuf rakkoon nu quunnamee jira. keellaaleen kun magaalaa Addirgaarii fi Axum gidduu kan jiran akka fakkeenyaatti tuqaniiru.

AFPn kaleessa galmee mootummaa afaan Ingiliffaa caccabaa ta’een barreeffame inni argate akka mul’isutti loltoonni Eertraa gargaarsi midhaan nyaataa naannoo waraanaan bututte Tigraayitti akka hin dabarre ugguranii saaman jedha. Dhaabbati oduu kun itti dabaluun akka jedhetti galmeen sun loltoonni Eertraa bakka Tigraay keessaa midhaanni itti raabsamutti argamuu dhaan dhiyeessi jiru waan saamaniif kanneen gargaarsaaf dhufan sodaatanii achii baqatan jedha.

AFPn itti dabaluu dhaan hoogganaan motoummaa naannoo Tigraay kan yeroo Mulu Nega kaleessa akka ibsanitti uummati waa’ee daandiif raabsii midhaan nyaataa komee dhiyeessaa jiru, waajjirri isaaniis qorannaa geggeessaa jira jedhan jedhee jira.

XS
SM
MD
LG