Xurree ittiin seenan

Breaking News

"Walitti-buinsi Naannoo Amaaraa Uumata Kumaan Lakkaawwamu Buqisee, Qabeenya Daran Barbadeesse," Hogganaa TM


Namoota walitti bu'iinsa naannoo Amaaraa keessatiin buqahan
Namoota walitti bu'iinsa naannoo Amaaraa keessatiin buqahan

Dubbi-himaan Tokkummaa Mootummootaa (TM), Farahaan Haq, bulchiinsa naannoo Amhaaraa keessatti walitti-bu’insa gareelee hawaasaa gidduutti uumameen uummanni hedduun buqqa’uu isaa fi saaminsi, akkasumas qabeenyaa fi ijaarsawwan barbadeessuun dhaqqabuu, sababaa kanaan haalli nageenyaa naannoo sanaa muddama keessa jiraachuu waahiloonni keenya nutti himanii jiru, jedhan.

"Walitti-buinsi Naannoo Amaaraa Uumata Kumaan Lakkaawwamu Buqisee, Qabeenya Daran Barbadeesse," Hogganaa TM
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:20 0:00

Dubbi-himaan Tokkummaa Mootummootaa kun, ibsa kennaniin akka ibsanitti, namni tokko ajjeefamuu irraa kan ka’e, Bitootessa 18, bara 2021 Godinaa Shawaa Kaabaa, ka naannoo Amaaraa keessatti waraansi jalqabame. Haleellaan kun, guyyaa lamaa booda godinaa Shawaa Kaabaa fi godinaa addaa Hawaasa Oromoo keessaa yoo xiqqaate uummata kuma jaatama manaa fi qehee isaa buqqise.

Haleellaan marsaa lammataa Eebila 17, bara 2021, magaalaalee fi daandiilee guguddoo irratti geggeessame immoo, uumata daran buqqise, qabeenyaa daran barbadeesse.

Rakkoo nageenyaa naannoo sanatti mul’atu irraa kan ka’e wahiloonni keenya gargaarsaa lakkoobsa namoota buqqa’anii nuuf hin mirkaneessine. Aangawoonni bulchiisa naannichaa garuu, namoota godinaa Shawaa kaabaa fi godinaa addaa Hawaasa Oromoo irraa buqqa’an gara kuma dhibba sadii fi kuma soddomaatti tilmaaman,” jechuun, dubbi-himaan Tokkummaa Mootummootaa, Farahaan Haq ibsuu isaanii, Margaaret Bashiir, Jenevaa irraa gabaastee jirti.

XS
SM
MD
LG