Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministriin Dantaa Alaa Yunaaytiid Istees Waraana Ertraa Tigraayii Baasuuf Waadan Galame Hojiirra Akka Ooluu Gaafate


Walitti bu'iinsii Tigraay keessaa kan baatilee 6 guutuuf jedhu akka dhaabatuu gochuuf Yunaayitid Isteetis Itiyoophiyaa irratti dhiibbaa gochaa jirti. Itiyoophiyaa cina kan goran looltonni Ertraa Tigraay keessaa akka ba'an gaafattee jirti.

Ministriin dantaa alaa Yunaaytiid Istees akka jedheetti, Wiixata kaleessaa, ministeerrii haajaa alaa Amerikaa Antonii Bliiken bilbilaan Dr. Abiyyi waliin ennaa dubbatan, Itiyoophiyaa fi Ertraan waraana Ertraa Tigraay keessaa baasuuf waadaa seenan, battalumatti, guutuummaatti akkasumas haala mirkaneessuun danda’amuun hojii irra akka oolchan dhiibbaa godhanii jiru.

Kana malees Yunaayitid Isteetis gargaarsa dhala namaa kennituu akka itti fuuftu gar gargaarsa kanneen biroo akkuma dhaabdeetti turtii jedhamee jira.Itiyoophiyaan Masrii wajjiin laga Abbayyaa kan ilaaleen falmii uumamee furuu dadhabnaan Amerikaan bara darbee gargaarsa irraa dhaabdee jirti.

Gabaasa Guutuu Caqasaa

Ministriin Dantaa Alaa Yunaaytiid Istees Waraana Ertraa Tigraayii Baasuuf Waadan Galame Hojiirra Akka Ooluu Gaafate
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:01 0:00


XS
SM
MD
LG