Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hindiin Dhukkuba KOOVIID-19 Muddamaa Jirti


Dhukkubii KOOVIID-19 biyya Hindii muddaa kan jiru yoo ta’u mummichi ministeera biyyatti Naareendraa Moodii dhaamsa ji’aa gama raadiyoon Dilbata kaleessaa dabarsaniin akka jedhanti, ammiwwan biyyatti talaalii akka akka fudhatan akkasumas waa’ee talaalii oduu odeeffamu akka duubatti hin deebiinee gaafatan.

Magaalaan galma mootummaa Hindii Neew Deelhii keessatti torban tokkoof sochiin ugguramee ture kan silaa wiixata har’a kaafama jedhamee, akka itti fufuu beeksisuuf haasawan dhageesiisaniin kana jedhan mummichi Ministeera biyyatti.

Ministriin Fayyaa kan Hindii akka jedhutti sa’atilee darban 24 keessatti namoonni vaayrasii Koroonaan haaraa qabaman kuma 300 kuma 49 fi 691galmeeffamee jira.

Lakkoobsii kunis kanneen qabaman hundumaa hammachuu dhiisuu mala jechuun aagawoonni eeguumsa fayyaa uummataa akeekkachiisanii jiru.

Guyyaa guyyaatti namoonni kuma 300 vaayrasii Koronaan qabamu jechuun kan gabaafamaa jiru kun nuusa lakkoobsa namoota qabanii ta’u mala jechuun Gaazeexaan Neew Yoork Taaymis beeksisee jira.

XS
SM
MD
LG