Xurree ittiin seenan

Breaking News

Moqaadishoo Keessaa Dilbata Kaleessaa Dhukaasatu Ture


Mariin filannoo ilaallatee eega fashalee booda humnootiin wal morman Dilbata kaleessaa magaala Moqadishoo keessatti dhukaasii darbee darbee dhaga’amaa ture.

Namoonni ijaan arganii fi jiraattonni akka jedhanti wal waraansii kun humnootii Mootummaa Abdullaahii Farmaajoo fi miseensoota waraana biyyatti kanneen gama hogganoota mormiituu goran giddutti ture.

Jiraattonni gara galgalaa soomana ramadaanaa faxaruu yeroo jalqaban magaala Moqdishoo bakka maqa k- 4 jedhamuutti walitti bu’iinsii jalqabe.Sodaa nageenyaaf jecha akka maqaan isaa ifatti hin himamnee namnii gaafate akka jedheetti,humnootii mootummaa fi humnootiin isaan morman meeshaalee xixiiqqoo fi dhukaatoota Rokeetaan darbaman gaafa walitti dhukaasan arguu isaa dubbate.

Namoonni meeqa akka ajjeefaman garu hin ibsamnee.Mootummaan Fedeeraalaa fi hogganoonni mormituu Ebla 12 eega paarlaamaan inni gad aanuu akka barri aangoo mootummaa waggaa lamaan dheeratu murteessee as danqaa keessa jiru.

Prezidaantiin Somaaliyaa murtii darbee kana mallatteessanii jiru.

XS
SM
MD
LG