Xurree ittiin seenan

Breaking News

Marii, Kadhimamaa Filannoof Dhihaate fi Dargaggoo Filannoo Keessaa Qooda Fudhachuu Dhiisuuf Murteeffate Wajjin 


Obsaa Abdiisaa fi Buzaayyoo Dagafaa
Obsaa Abdiisaa fi Buzaayyoo Dagafaa

Adeemsa filannoo irratti qaamni hawaasaa hundi walii galuu baatullee, Itoophiyyan filannoo biyyolessaa marsaa 6ffaatti deemaa jirti. 

Boordiin Filannoo Itoophiyaa Naanoo Tigraayii achi guutuu biyyatti keessatti filannoon akka geggeeffamu ibsuun in yaadatama.

Karaa kaanin, biyaattin haalli keessa jirtu filannoo geggeesuuf rakkisaa dhaa, san dura, waan hojjatamuu qaban baayyetu jira yaadni jedhu qaamoota adda addaa biraa ka'a.

Buzaayyoo Dagafaa, Yuniversiitii Finfinneetti kaadhimamaa PhD ti, Paartii Badhaadhinaa bakka bu'e dorgoma. Obsaa Abdiisaa, Yunivesiitii Finfinnetti barataa Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Addunyaati. Obsaan filannoo Waxabajjii dhuftu godhamu irratti paartiiwwan siyaasaa mormituu Oromiyaa irratti dorgoman jedhee hawwe bakka filannoo keessaa bahanii jiranitti filannoon godhamu "fakkeessa malee filannoo haqaa miti," jedha.

Buzaayyoon gama isaatiin, "filannoo keessaa bahuun fala mitii, keessa ta'anii gaafii ummataa deebisuuf hojjachuutu fala," jedha. Marii jara lamaan wajjin goone dhaggeeffadhaa.

Marii, Kaadhimamaa Filannoof Dhihaate fi Dargaggoo Filannoo Keessaa Qooda Fudhachuu Dhiisuuf Murteeffate Wajjin
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:37 0:00


XS
SM
MD
LG