Xurree ittiin seenan

Breaking News

Seerri Farra Jibbiinsa Warra Eesiyaa Senetii Ameerikaan Darbee Jira


Senetiin Yunaayitid Isteetis kamisa kaleessaa ennaa weerara COVID-19 abalaa adeeme jibbiinsa yakka farra Eesiyaa dura dhaabbachuuf yaalii godhamu kan cimsu seera haaraa sagalee irra jireessaan raggaasisee jira.

Wixineen seeraa kun yakka jibbiinsaa COVID-19 waliin wal qabate xiinxaluu fi hojii isaa saffisuuf dhaabolii seera eegsisan kan naannoo jibbiinsa kana ilaalchisee deebii kennuuf waaltaa qajeelfama haqaa akka hundaa’u eeyama. Itti dabaluu dhaanis galmee yakkawwan akkasii mala itti walitti qabamuu danda’anii fi daandii telefoonaa irratti gabaasamu akka qophaa’u ka jedhu ofitti haammata.

Seerri kunis sagalee 94 fi tokkoon kan darbe yoo ta’u, Rippaablikaanticha senetera kutaa Mizuurii Josh Hawley qofaatu seera kana morme. Seneteroonni dimokraatotaa tokkoo fi kan Ripaablikaanotaa sadii sagalee hin kennine.

Seerri kun raggaasisamuuf gara mana maree bakka bu’ota uummataa bakka deggersa gama lamaanii argatetti darbee jira. Prezidaant Joo Baayiden seera kana hawwaan kan eegan ta’uu ibsanii ennaa waan bira dhaqqabu seera gochuun mallatteessu jedhamee eegama.

XS
SM
MD
LG