Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hookkara Uummata Amaaraa Irratti Oofamu Dhaabsisuuf Mootummoota Oromiyaaf Benishangul Waliin Hojjetaa Jirra: Prezidaantii Naannoo Amaaraa 


Prezidaantii Naannoo Amaaraa, Agenyew Teshaager

Prezidaantiin naannoo Amaaraa Agenyew Teshaager kutaalee biyyattii hanga tokko keessatti haleellaa gosa amara irrati raawwatu dhaabsisuuf naannoo Oromiyaa fi Benishangul Gmuz waliin hojjetaa kan jiran ta’uu beeksisan.

Prezidaantichi obbolummaa saboota kana gidduu jiru cimsanii dubbachuu dhaan lammiiwwan Amaaraa 50,000 ta’an hojii buna funaanuun galii argachuuf jecha waggaa waggaatti gara Oromiyaa godina Jimmaatti imalu jedhan. prezidaantichi kaleessa Finfifinnee keessatti tuuta oduuf ibsa kennaniin dhiyeenya Shawaa kaabaa fi godinaalee hawaasa Oromoo keessatti walitti bu’iinsa uumame ilaalchisuun dubbataniiru. Caasaaleen mootummoota naannoos qaama walitti bu’iinsaa fi haleellaa sanaa ti jechuun dubbatan. Agenyoon itti dabaluu dhaan humnootii gaaffii sirrii uummataa butanii naannoo sana keessatti sabatiinsi akka dhabamu gochuu yaalan illee balaaleffataniiru jechuun Mesfin Arage gabaaseera.

Yaadawwan Ilaali (5)

XS
SM
MD
LG