Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira Magaala Goondar fi Ibsa Paartii Naannoo Amaaraa Bulchuu


Faayilii - Hiriira Roobii kaleessaa Baahir Daaritti Geggeeffame
Faayilii - Hiriira Roobii kaleessaa Baahir Daaritti Geggeeffame

Jiraattonii magaala Gondar ajjeechaaniif buqqa’iimis bakka adda addaatii saba amaaraa irratii raawwachaa jiru akka dhaabatuu hiriiraan gaafataniiru. Mootummaan feederaalaa ajeechaa dhaabisisuudhaaf tarkaanfii hinfudhanne jedhanii Hiriirtonnii balaaleffataniiru.

Hiriirtonnii magaala Gondar kun dhaadannoo dhiiginii oromoo dhiigaa kooti jedhu afaan amaaraatiif afaan oromootiin barreesuudhaa firummaa saba oromootiif qaban akka ibisan gabasaamera. Hiriira duraan magalotaa naanoo amaaraa keessati taasifaman irratii dhaadannoon tutuqaa of keessaa qaba akka yaada saba amaaraa bakka hin buunee qindeessonii heriira Gondar VOAti dubbataniiruu.

Karaa biraatiin mormiin manaa ba’uumsa lagachuu magaalaa baahir daar guyyaa lammataaf itti fufee mannootiin daldalaatif biirooleen adda addaa cufamanii olaaniiru.

Gabaastuun VOA Asteer Misgaanawu akka jetteti haalii magaalichaa keesaa jiru muddamaadha. Bakka tokko tokkotti dhukaasinii qawwee hindhagahama. Bulchiisin magaala baahirdaar kaleesa ibsa baaseen yaalii aggaamii saamichaa kamiinuu irrati tarkaanfii akka fudhatuu beeksiseera.

Hiriira gidduu kana magaalota naannoo amaaraa keesatii geggeesamma turan irratii irgaan dadarbaa turan tokko tokko balaaleffachuu isaa Paartiin badhaadhinaa mootummaa naannoo amaaraa beeksiseera.

Karaa biraatiin, Badhaadhinnii naannoo amhaaraa kaleessa ibsa baaseratti akka jedhetti dhaadawannoo hirirra irratti mul’achha turan tookko tokkoo ejjannoo mootummaa naannoo amaaraatiif saba amaaraa kan bakka bu’u miti jedheera. Paartii mormitootaa Sochhii biyyoolessaa Amaaraa ykn ABIN jedhaamee beekamu gocha kaanaaf itti gaafatamaadhaa akka ta’ee ibssa isaa keessatii hubachiisuun isaa beekameera.

Paartiin ABIN poosteroota filannoo paartilee biro ciciruudhaaf gubudhaan ibssa kana irratti balaalefatameeraa.

Itti aanaa dura taa’aan paartii Sochhii biyyoolessaa Amaaraa ABIN Yoseef Ibraahim komiin paartiin badhaadhinna amaaraa dhaaba isaanii irrati dhiheesee waan qabatama hinqabneedha jedhanii gabaasaa VOA Masfin Araggaatti himaniiru. Paartiin ABIN dhaadanootaa hiririchaa irratii qabataman akka hinbalaleffanees ibsaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG