Xurree ittiin seenan

Breaking News

Golli Naga Eegumsaa Tokkummaa Mootummoota Tigraayif Qaarqarsi Dabalataa Akka godhamu Waamicha Dhiheesse


Faayilii - Magaala Wuqiroo, Tigraay
Faayilii - Magaala Wuqiroo, Tigraay

Walitti bu’iinsii Tigraay keessaa Ji’a 6ffaa qabataa yeroo jiru kanatti golli naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaa calliinsa isaa cabsuun Kamiisa kaleessaa gargaarsa dhala namaa karaa itti seenuu akka banamuu fi jireenyis iddoo duriitti akka deebi’uuf gaafatee jira.

Golli Naga Eegumsaa Tokkummaa Mootummoota Tigraayif Qaarqarsi Dabalataa Akka godhamu Waamicha Dhiheesse
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:23 0:00

Kan biyyoota miseensoota ta'an 15 qabu golli naga eegumsaa ibsa baase Kanaan humnaan gudeeddii fi hokkara saala dubartootaa fi shamarran irratti Tigraay keessatti gaggeeffamuu kan ilaaleen gabaasnii jiru akkaan yaaddeessaa ta’u ibsee kana irratti qorannaan gaggeeffamee itti gaafatamtoonni akka beekaman kan gaafatee yoo ta’u, garu kallattiin waan balaaleeffatee hin qabu.

Tokkummaa Mootummootaatti ergamaa dhaabbataan ka mootummaa Itiyoophiyaa gama isaan Twiitarii isaa irratti kanaaf deebii kenne maxxansee jira.

Innis akka jedhutti, hojiin seera kabajsisuu Itiyoophiyaa keessaa dhimma keessoo biyyatti kan seera biyyattiin to’atamuu yoo ta’u kunis seera mirga dhala namaa kan dabalatuu ta’u hubachiisuu barbaanna jedha.Ibsii kun itti fufees,Tigraay keessatti Seeraa fi sirna eegsiisuuf tarkaanfiin fudhatamee seera abbaa biyyummaa kutaa Sanaa keessa jira jedhee jira.

Humnaan gudeeddii dabalatee dhiittaa mirga namoomaa dhaqqaban qoratee itti gaafatamtoota adda baafachuuf mootummaan Itiyoophiyaa waadaa seenee irra deebi’ee mirkaneessee jira.Kana malees gargaarsa dhala namaa harka caalaa isaa Tigraayiif dhiyeessaa akka jiru ibsuun hawaasnii addunyaa gaaffii gargaarsaTigraay keessaa fi kanneen biroof waan arjoomuu akka dabaluuf gaafatee jira.

Bulchiinsii yeroo ce’uumsaa kan Tigraay akka Tilmaamuutti uummata Tigraay Miliyoona 6 ta’u keessaa Miliyoonni 4.5 gargaarsa dhala namaa barbaadu.Tokkummaan Mootummootaa waggaa kana keessa Tigraay fi guutummaa Itiyoophiyaa keessaa kan jiran uummata Miliyoona 16f gargaaruuf

XS
SM
MD
LG