Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoonni Alaa Kanneen Mootummaa Ofii Hundeessuu Fedhan Qindoominaan Hojjetaa Jiru: Muummicha Ministeeraa Itoophiyaa


Muummichi Ministeeraa Itoophiyaa, Abiyyi iAhimed
Muummichi Ministeeraa Itoophiyaa, Abiyyi iAhimed

Humnoonni alaa mootummaa isaaniif mijatu hundeessuuf hojjetaa jiru jechuu dhaan muummichi ministeeraa Abiy Ahimed dubbatan. Itiyoopiyaa keessaa namni aangoo qabachuu kan danda’u filannoo qofaani jechuun dubbatan mumichi ministeerichaa.

Prezidaantota naannoo fi hoji raawwachiistota boordii filannoo waliin wal ga’ii geggeessaniin, rakkkoolee filannoon wal qabate hiikuuf torban hanga tokko dura hojiiwwan hojjetamaniif ba’ii argaman irratti gamaaggamni geggeessamee jira.

Muummichi ministeeraa Abiy akka dubbatanitti hojiin torban tokko keessatti hojjetame rakkoolee hedduu fureera jedhan. Hojiin kun garuu torban itti aanu cimee itti hin fufu taanaan, barbaachisummaa filannoo dhufaa jiru waliin ennaa ilaalamu ga’aa miti jedhan.

Filannoon kun akka hin geggeeffamnee fi mootummaa isaan hoogganan akka hundaa’u humnoota barbaadan kan ittiin jedhan kun karoorsanii irratti fuuleffatanii hojjetaa jiru jechuun himatan.

Waggaa tokko duraa qabee Itiyoopiyaan daandiin badhaadhinaa kan walii galaa fi mul’ata gurugddaa isheen qabdu, humnoonni morman hanga danda’ame filannoo sana fahsaleessinee, lammiiwwan Itiyoopiyaa walitti dhaqnee, sana booda wal ga’ii ce’umsaa, marii fi waldaa walitti qabnee mootummaa gochuu dhaan akka biyyoota hollaa hanga tokkoo mootummaa dadhabaa qofaa utuu hin taane, waan ajajne kan hojjetu hundeessina jechuu dhaan galmee qopheessanii raabsuu erga jalqabanii oolanii bulaniiru.

Kaayyoo fi karoora akkasii kan simatan lammiin biyyaa kan jiran ta’uu muummichi ministeerichaa eeruu dhaan mootummaa akkasii Itiyoopiyaa keessatti hundeessuun hin danda’amu jedhan. karooraa fi humna alaa kana dadhabsiisuuf gareeleen mormituu yaada dhiyeessan qabaachuun akka barbaachisu, caaaa diriirsanii uummata amansiisanii akka filataman jajjabeessaniiru.

XS
SM
MD
LG