Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanni Chaadiin Bulchaa Jiru Yeroon Ammaa Kan Marii Miti Jedha 


Kan Chaadiin bulchaa jiru waraanni biyyatti Dilbata kaleessaa akka jedheetti riphxee looltoota biyyatti kaabaa kutaa hiyeeyyii Saahil keessaa waliin mari’achuu akka hin barbaanne ibsuun hogganaa isaanii qabuuf biyyi ollaa taatee Niijeer gargaarsa akka gootuu gaafatee jira.

Prezidaantiin Chaad turban dabree eega ajjeefamanii booda mana maree waraana biyyatti bulchuuf aangoo qabateef dubbii himaan ka ta’ana Azeem Bermandoa”amma yeroon kanneen seeraan ala ta’an waliin kan mariin itti gaggeefamuu miti kan jedhan.

Sambata darbee garen riphxee looltootaa Libiyaa keessatti hundeefamee fi Chaad keessatti jijjiramaa fi walta’iinsii akka argamuuf qabsaa’uu akka jedheetti dhukaasa dhaabiinsa gochuu qophii dha, garu dubbii himaan waraanaa gam lameen wal waraansa keessaa jirra jedhan jedhu.

Dubbii himaan waraana Chaad gama isaaniin, isaan riphxee looltoota waan ta’aniif haleellaa jirra, waraana labsinee jirra kanuuma jedhan.

Waraanni biyyatti akka jedhutti, gara jalqaba torban dabree duula waraanaa riphxee looltoonni dhibba hedduun irratti ajjeefaman sana booda booda prezidaantiin biyyatti Deebiin ajjeefaman.

XS
SM
MD
LG