Xurree ittiin seenan

Breaking News

Looltonni Naayjeriyaa Hidhattotaan Haaleelaman


Naayjeeriyaa Kaaba Bahaa keessatti hidhattonni maadhee waraanaa weeraran looltoota 30 caalaa kan ajjeesan yoo ta’u kunis haleellaan samii irraa ituu isaan irratti hin raawwatiin ta’u madden ibsanii jiru.

Kanneen haleellaa geesiisan kun garee Islaamiik Isteetes kan Kutaa irraati jedhamee kan amanamuu yoo ta’u maadhee isa magaala Meeynook kan kutaa Bornoo kaana bahaa keessaa Dilbata kaleessaa waaree booda haleeluu isaanii looltoonni 3 fi jiraataan tokko ibsanii jiru.

Tasgabii dhabiinsii guutuummaa Naayjeriyaa keessaa looltootaa fi namoota nagaa hedduu waggaa kana keessa galaafatee jira.Ji’a tokko dura looltoota 30 ta’an haleellaa yeroo 4 hidhattonni Islaamaa Naayjeriyaa Kaaba bahaa keessatti gaggeessaniin ajjeefaman.

Dubbii himaan waraanaa ibsa baasuu irraa kan hafe gad fageenyaan ibsuu irraa of qusatanii jiru

Yaadawwan Ilaali (1)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG