Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajjeechaan Waggaa Dheeraa Dura Lammiwwan Armeeniyaa Irratti Rawwatamee Duguuggaa Sanyiiti: Prez. Baaydin 


Prezidaantii Amerikaa Joo Baaydiin
Prezidaantii Amerikaa Joo Baaydiin

Bara loola addunyaa isa 1ffaa ajjeechaan lammiwwan Armeeniyaa hedduu irratti Epmaayeerri Ottoman dhaqqabsisee duguuggaa sanyiiti jechuun prezidaantiin Amerikaa Joo Baaydiin sambata darbee dubbatanii jiru.

Prezidaant Baaydiin kana jechuun isaanii waadaa yeroo duula filannoo seenan kan itti kabajan yoo ta’u guyyichiis guyyaa fixiinsaa lammiwwan Armeeniyaa biyya isaanii keessaa fi biyya alaa keessa jiraatan itti yaadatanti ture.

Waggaa waggaan guyyaa kanatti lammiwwan Armeeniyaa kanneen duguuggaa sanyii bara sanaan dhuman yaadanna kan jedhan Baayddin fixiinsii akkasii lamuu akka hin dhufneef ittisuuf cicha keenya gaafata jechuun ibsa baasan.

Lammiiwwan Yunaaytid Isteetes duguuggaa sanyii waggaa 106 dura gaggeeffameen kanneen lubbuu ofii dhaban lammiwwan Armeeniyaa maraaf kabajaa qaban ibsu jedhan.

Sambata darbee Tarkiin Ambaasaaddara Amerikaa Biyya ishee keessa turan waamuu ishee ministriin dantaa alaa ishee beeksisee jira.Itti aanaa ministeera haajaa alaa Tarkii Ambaasaaddara Amerikaatti, jecha Baaydiin kun fudhatama kan hin qabnee fi kan balaaleeffatan ta’u itti himan jedha ministriin hajaa alaa Tarkii kun.

XS
SM
MD
LG