Xurree ittiin seenan

Breaking News

Eessa Buteen Ishee Kan Dhibee Ture Donii waraanaa Indoneshiyaa Argamteetti 


Donii waraanaa Indoneshiyaa kan bishaan keessa deenuu kan galaana Baalii keessatti liqiimfamee ture argamee jira.Iddoo 3tti kan caccabee yoo ta’u hojjatoonni keessa turan 53 du’u waraanni biyyatti Dilbata kaleessaa beeksisee jira.

Caccabaan donichaa Sambata darbee meeshaa addaan galaanicha jalaa kan argame ta’u kan labsee waraanni biyyatti kan irra deemuun irra ture irraa meetra 850 asii gad dhidhimee akka jiru agarsiisa jedhee jira.

Indoneeshiyaan umriin waggaa 42 kan qabdu Donii waraanaa kana waliin qunnamtiin ture kan yeroo dhumaaf kan addaan cite Roobii darbee ta’u beeksiiftee jirti.

XS
SM
MD
LG