Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira Nagaa Chaad


Chaad keessatti gurmuuleen waldoota hawaasaa fi mormitoonni siyaasaa, akka biyyattiin gara heeraan geggeessamuutti deebitu gaafachuuf har’atti hiriira nagaa waamanii jiran.

Hoogganooonni Waraanaa Chaad haaraan, muummicha ministaraa biyyattii Albert Paahimii Padaak, akka muummicha ministaraa mootummaa cehumsaa tahan irra-deebi’uun eega ramadanii booda, hiriirri nagaa kun har’atti waamame.

Ka torban dabre finciltootaan ajjeesaman – prezidaant Idiris Deebii jalatti muummicha-ministaraa tahuun ka tajaajilaa turan, Paadaak, akka tasagabbii biyyattii keessatti waamicha dhiheessan. Gumiin humnoota waraanaa Chaad, akka garee finciltootaa ajjeechaa prezidaant Deebiif itti gaafatamoo dha jedhamu waliin marii araaraa jalqabu, waamocha hoogganaa mormitootaan dhihaateef fudhatama dhorkate.

Yaadawwan Ilaali

XS
SM
MD
LG