Xurree ittiin seenan

Breaking News

Demookraasiin Uummataaf Maal Akka Fayyadu Mirkaneessitan : Prez Baaydin 


Prezidaantiin Yunaaytid Isteetes Joo Baaydin erga muudamanii waajiira qabatanii guyyaa 100 keessatti hegeeree Amerikaa kan ilaaleen abdii akkasii qabaadhee hin beeku. Sababaan isaas biyyattiin deebitee fuul duratti tarkaanfataa jirti jedhan,. Kanaaf sodaa irra abdii akkasumas dukkana irra ifa filannee jedhan.

Baaydin kana kan dubbatan hiriira siyaasaa namoonni Kokoolaataa 315 keessa taa’uun Atlaantaa cinatti gaggeessan irratti ture.Hiriira kanas kan maallaqaan deggere koree biyyooleessaa kan Deemookraatootaa ture.

Demookraasiin uummataaf maal akka fayyadu mirkaneessitan jechuun Baaydin ennaa dubbatan kanneen konkolaataa 315 keessa jiran immoo fiingee kokolaataa iyyisisuun deggersa qaban ibsan .

Kokoolaataan kun hundumtuu bakka kokoolaataa dhaaban kan waaltaa Eneerjii Duluut isa magaala Atlaantaa Kaaba bahaa jiru keessa dhaabbatanii jiru.

Kutaa walgahiin kun keessatti gaggeeffamee Jorjiyaatti seenataroota lama filuuf marsaa lama filannoon kan keessatti gaggeeffamee yoo ta’u Demookraatonni barcuuma lama injifachuun lakkoobsa barcuuma seeneetaa paartilee lameeniif wal qixxee akka ta’u taasiisan.

Yaadawwan Ilaali (1)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG