Xurree ittiin seenan

Breaking News

Israa’eel Keessatti Namoonni Du’uu fi Kaan Madaa’uun Beekamee Jira 


Amantoonni amantii Ortoodooksii warra Juushootaa kuma kurna hedduun sidaa Galilee kan jaarraa lammaffaa keessa ijaarameetti dhagaa darbataa ituu jiranii wal irratti kufan
Amantoonni amantii Ortoodooksii warra Juushootaa kuma kurna hedduun sidaa Galilee kan jaarraa lammaffaa keessa ijaarameetti dhagaa darbataa ituu jiranii wal irratti kufan

Israa’eel keessatti Jimaata har’a ayyaaneeffannaa Amantii irratti namoonni du’uu hojjattonni tajaajiila fayyaa kan ibsan yoo ta’u mummichi ministeera biyyatti Benjamin Natanyaahuu kun balaa guddaa dha jedhan.

Amantoonni amantii Ortoodooksii warra Juushootaa kuma kurna hedduun sidaa Galilee kan jaarraa lammaffaa keessa ijaarameetti dhagaa darbataa ituu jiranii wal irratti kufan.Kunis ayaaneeffannaa halkan guutuu, faaruu amntii fi dhiichiisa kan qabu ture.Namoonni ijaan argan akka jedhanti namoonni karaa dhiiphoo taatee keessa ennaa darban qilleensa dhabuun ukkaamamanii hangii tokko immoo rakkoon kun uumamuu labsamee akka addan fac’an gaafatamuu isaa dura iyyu hin barree jedhan.

Kunis gaara Meeroon keessatti yoo ta’u akeekkachiisa dhukkuba Kooviid -19f kennamee diduun ture.

Kanneen mada’an Heliikoptaraan gara hospitaaloota Israa’eel gama kaabaa keessa jiranti geeffaman.Angawoonni Ambuulaansii akka jedhanti namoonni 103 kan mada’an yoo ta’u kurna heddun du’aniiru.Lakkofsii isaanii ijoolee dabalatee 40 ta’u jedha Televiziyoonni chaanaalii 12 jedhamu beeksisee jira.

XS
SM
MD
LG