Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoo Itiyoophiyaa Irratti Taajjabdummaan Hin Argamnu: Gamtaa Awuroopaa 


Bakka bu’aa olaanaa Gamtaa Awuroopaa, Joseep Borl
Bakka bu’aa olaanaa Gamtaa Awuroopaa, Joseep Borl

Gamtaan Awuroopaa filannoo Itiyoophiyaa kan maraa 6ffaa taajjabdummaan irratti argamuu akka hin dandeenye beeksisee jira. Bakka bu’aa olaanaa gamtichaa ka ta’an Joseep Borl ibsa kaleessa baasaniin taajjabdoonni filannoo kan gamtaa Awuroopaa attamiin bobbaafamuu akka qaban kan ilaaleen dhimmootii ijoo irratti aangawoota Itiyoophiyaa waliin walii galtee irra ga’uun hin dandeenye jedhan.

Lammiwwan Itiyoophiyaa mirga siyaasaa fi sivilii qaban akka hojii irra oolchan gochuuf aangawoonni biyyatti yaalii taasiisan akka dabalan jajjabeessina jedha ibsii gamtaa Awuroopaa kun.

Mootummaan Itiyoophiyaa gama isaan filannoo Demookraatawaa fi karaa nagaan gaggeessuuf cicha akka qabu ibsee haala jiruus hanga humnii danda’eetti taajjabdoota addunyaa mijeessuu isaa hubachiise.

Deemsa Itiyoophiyaa keessaa ragaa ta’uuf kanneen fedhan addunyaa irraa ni simanna kan jedhu mootummaan Itiyoophiyaa raga baatoonni keenya kan sadarkaa duraa garu uummata keenya jedha.

Kanaafis lammiwwan Itiyoophiyaa kaardii sagalee ittiin kennan argachuuf akka galma’aniif kan gaafate ibsii kun kanaanis mirga Demokraasii qaban akka shaakalan akkasumas hawaasa isaanii eeguuf dammaqiinaan akka hordofan gaafatee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG