Xurree ittiin seenan

Breaking News

"Haalli Tigiraayi Keessa Amma Tokko Fooya’insa Agarsiisus Ammayuu Rakkoon Jira"


Ijoollee Tigraay qehee irraa buqahanii mana barumsaa Hadneet keessa jiran, Caamsa 5, 2021
Ijoollee Tigraay qehee irraa buqahanii mana barumsaa Hadneet keessa jiran, Caamsa 5, 2021

Dhaabata mootumoota gamtoomanii jalattii waajjirrii qindeessaa dhimma namoomaa  akka jedheetii, karaa gargaarsaatiin haalii tigiraayi keessa jiru amma tokko fooya’insa agarsiisus ammayuu rakkoon jirachuun ibsuu isaa himameera.

Gidduu kana, Ibsa dubbii himaan Mootumoota gamtomanii kennaan keessatii, Lolitoonnii waan karaa cufaniif ummata gargaarsa barbaadu baadiyaa keessa jiruu qaqabuun rakisaa ta’eera jedhameera. kaabba lixaa,walakeessa, karaa bahaa, kibba bahaatiif zoonii kibba tigraayi keessatii lolii akka jiru himeera.

Gargaarsa atattamaa argachuu Namootaa qaban miiliyoonii 3 keessaa amma ammaatii namoota 347,000 qofa qaqqabuun akka danda’ameedha kan ibsame. Kunis namootaa gargaarsaa barbaadan keessa harka 12 duwwaadha jedhameera.

Amma waan ganni dhufaa jiruuf namootan iddoo jireenyaa barbaadaniif bakki qubannaa dafee qophaa’uu akka qabu kan dubbate ibsii kun ,lammiileen tigraay miliiyoonii 5.2 ykn harkii 87 gargaarsa midhaan nyaataa kan barbaadaniidha jedheera.

Ji’a bitootessaa 27/2021 fi ji’a caamsaa 5 /2021 gidduutti mootumaani, Sagantaan midhaani adduunyaa 'WFP' fi warren biraa kutaalee 32 keessati namoota miiliyoonii 1.2 gargaarsa midhaan nyaataa dhiheessuu isaanii kan ibsee gaabassi kun, nomootaa 730 ,000f kan gargaaruu danda’u barbaachii bishaanii akka itti fufe himeera.

Ibsa dubbii himaan Mootumoota gamtomanii kennaan keessatii rakkoon gargaarsa namoomaa somaaliyaa, Demokraatik Ripublikii koonngo, akkasumas Ripublikii walakkeessaa afrikaa keesaa jiru caqasamuun isaa gabasameera.

XS
SM
MD
LG