Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabbati Feesbuukii Filannoo Itiyoopiyaa Dura Fuulawwan Kijibaa Heddumminaan Banaman Haqe


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Dhaabbati Feesbuukii, filannoo torban dhuftu geggeessamu dura Itiyoopiyaa keessa kanneen jiran fayyadamtoota Feesbuukii irratti kan fuuleffate kijibaa hedduu kan namoota caasaa dhaaba odeeffannoo nageenya biyyattii keessa jiraniin waliin wal qabsiise haquu isaa kaleessa beeksisee jira.

Dhaabi Feesbuukii akka jedhetti, ergaan maxxanfame sun irra hedduun afaan Amaaraan yoo ta’u, oduu fi haalawwan yeroo, muummicha ministeeraa Abiyyii fi paartii isaanii badhaadhina dabalata. Maxxansi sun namoota siyaasaa paartilee mormituu fi Adda Bilisummaa Oromoo, paartii dimokraatawaa Oromoo fi TPLF dabalatee yaada mormii cimaa maxxansee jira.

Hooggnaan INSA gaaffii Rooyiters dhiyeesseef battala deebii hin kennine. Kan Abiy aangootti dhufuu waggoottan dura hundeeffame dhaabi kun, telekominikeeshinii fi interneetii biyyattii keessaa to’achuuf itti gaafatama qaba.

INSAn ministerii nagaa fi waaltaa dhuunfaa waan ta’eef, gaaffii isaaa gamasitti dabarsaa jechuu dhaan dubbi himtuun waajjira kominikeeshinii muummicha ministeeraa Billene Siyyuum waa’ee tarkaanfii Feesbookii kana ennaa Rooyiters gaafatetti itti hiamanii jiran.

Dhaabi Feesbuukii akka jedhetti Feesbuukiiwwan hedduun banamanii Instagramii fi fuula feesbookii irratti maxxanfaman kun qajeelfama isaa cabsuu dhaan bara 2020 fi 2021 keessa maxxansaa isaa saffisaa ture. Feesbuukiiwwan hedduun banaman kun dhiyeenya illee waa’ee Yunaayitid Isteetis Itiyoopiyaa irra uggura kaa’uu yaada kennee jira.

Filannoon waxabajjii 21 geggeessamuuf jiru Abiy yeroo jalqabaaf kan uummata sagalee kennu maal akka inni filatu itti eegani. Naannoleen shan sababaa rakkoo loojistikaa, hookkarri hangi tokko jidraachuu fi ykn sababaa lola Tigraay keessaan filannoo hin geggeessan.

Sochiin Feesbuukiiwwan heddumminaan banamanii kun kallattii dhaan naannoo Tigraay ykn lola Tigraay irratti akka hin fuuleffatin dhaabbati Feesbuukii beeksisee jira.

Dhaabbati kun akka jedhetti Feesbuukiiwwan banaman keessaa tokko ykn isaa ol namoonni Feesbuukii qaban kanneen miliyoona 1.1 ta’an kan hordofan yoo ta’u kanneen 766,000 ta’an immoo gareelee kana hordofu. Itti dabaluu dhaanis caasaan feesbookii kun doolaara $6,200 baasii godhee jira jechuun Elizabeth Culliford NY irraa yoo gabaastu akkasumas Daawit Indashaaw Jimmaa irraa kan gabaase Nick Tatersall gulaaluun gabaasamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG