Itiyoophiyaa keessatti har’a uummanni sagalee kenna kan oolee yoo ta’u Sabaaa nageenyaa fi dhimmoota loojastikaa waliin wal qabatee guutuummaa biyyatti keessatti hin gaggeefamiin hafuun mummiicha ministeeraa Abiyyi Ahmadiif qormaata filannoo guddicha jedhamee jira.
Filannoon bara darbee akka yeroo biraatti darbuu ta’e kun jijjiirama Dr. Abiyyi gaggeessaa jiraniif dhimma ijoo dha. Dr. Abkiyyi bara 2018 bittaa abootii irree kan yeroo dheeraaf ture hambisee gara badhaasa Noobel argachuutti waggaa tokko booda ceesisee jira.
Sagaleen amma kennamuu kun biyyattiin filannoo walabaa fi madaalawaa ta’e gaggeessuuf kan itti yaaltee jedhan Dr.Abiyyi.
Finfinnee hanga tokko keessatti namoonni sagalee kennuuf jecha toora dheeraa qabatanii akka jiran garu guutummaa biyyatti keessatti eegumsii nageenyaa jabaachuun ibsamee jira.Konkolaataan waraanaa Finfinnee iddoo ijoo ta’an irra dhaabatanii akka jiran fi uummanni Miliyoona 37 caalaan sagalee kenna jedhamee kan eegamuu ta’uun ibsamee jira.
Gareeleen mormiituu garu mootummaan Itiyoophiyaa bulchaa jiru dararaa, loogii sodaa hokkaraa isuma mootummaa inni duraanii gaggeessaa ture rawwata jechuun himatu.Paartileen mormiituu beekamoon filannoo kana keessaa of baasanii jiran.
Kanneen biroon immoo biyyatti iddoo hedduutti duula na filadhaa akka hin gaggeessineef dhorkamne jedhu.