Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannooleen Filannoo Keessatti Geggeessame Guyyaa Lama Keessatti Injifattoota Beeksisuuf Jira: Boordii Filannoo   


Walitti qabduu Boordii Filannoo Itoophiyaa, Birtukaan Miidhaksaa
Walitti qabduu Boordii Filannoo Itoophiyaa, Birtukaan Miidhaksaa

Naannooleen filannoon keessatti geggeessame marti guyyoota lama keessatti kanneen injifatan kan beeksisuuf jiran tahuu Boordiin Filannoo Biyyyaalessaa Itiyoophiyaa ibsa kaleessa maddeen oduuf kenneen beeksisee jira.

Bulchiinsa naannoo Oromiyaa, godinaa Gujii keessatti kan argamu wiirtuu filannoo Nagalleetti uummatni akka sagalee hin laanne boordiin kan ugguree ture tahus sagaleen kennamuu isaa dura-teessuun boordichaa aadde Birtukaan Miidhagsaa ibsanii jiran.

Naannoolee filannoon itti geggeeffaman irra hedduu keessatti sagalee lakkaa’uun xmuramaa akka jirus dubbatan. Wiirtulee filannoo naannoo Amaaraa, Affaarii fi Sidaamaa keessa kan jiran wiirtulee filannoo murtaa’an irraa ba’iin dhaqqabuu baatus, wiirtuleen kaan sagalee lakka’an gara naannoleetti erganii jiru, jedhan.

Akka seera filannoo irra taa’ee jirutti filannoon xumuramee guyyoota shan keessatti naannoleen filannoo sagalee lakkaa’uu xumuranii ba’ii isaa beeksisuun waan irra jiraatuuf guyyoota kana lamaan keessatti wiirtuu filannoo irraa ba’ee argatan kan injifate eenyuun akka ta’e, kaadhimamtoonni sagalee hagam akka argatan kan mul’isu galmee isa dhumaa uummataaf akka ifa godhutu irraa eegama, jechuun ibsan. .

Naannoo Oromiyaa Gujiitti kan argamu naannoo filannoo Negellee 1 boordichi kan dhorke cabsuu dhaan sagaleen kennamuu isaa aadde Birtukaan guyyaa sagaleen kenname rakkoo guddaa uumame gochuun dhiyeessan.

Naannooleen Filannoo Keessatti Geggeessame Guyyaa Lama Keessatti Injifattoota Beeksisuuf Jira: Boordii Filannoo
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:17 0:00

Naannoo Oromiyaa Negellee filannoof guyyaan tokko ennaa hafu Waxabajjii 13 jechuu dha waraqaan filannoo naannoo sanatti maxxansame seeraan galmaa’ee kan ture dorgomaa dhuunfaa kan of keessaa hin qabaanne ta’uu waan hubanneef naannoo filannoo Negellee keessatti marsaa isa kanaan filannoo geggeessuu hin qabu jennee gubbaa hanga godaatti ajajas, ragaa jirus dabarsinee turre.

Egaan itti gaafatamaan tokko kan mootummaa ykn kan keenya ta’uu danda’a, itti fufuu qaba waan jedheef wiirtulee filannoo 100 ol ta’an keessatti filachiisaa oolaniiru. Kun seeraan ala.kana poolisii federaalaatti beeksisnee balleessaan kan eenyuu akka ta’e adda baafanna. Seeraanis akka gaafataman gooana. Adeemsi filannoo sunis ba’ee seeraa kan qabaatu hin ta’u, jedhan.

Deemsa filannoo sana taajjabdoonni filannoo biyya keessaa 40,000 ta’an akkasumas gamtaa Afriikaa, human eeggataa gaanfa Afriikaa fi waaltaalee Ameerikaa lama irraa kan walitti dhufan taajjabdoonni sadarkaa addunyaa taajjabuu isaanii dura teessuun boordichaa Adde Birtukaan Miidhagsaa ibsaniiru

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG