Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Mana Murtiin “Walaba” Ka Jedhaman Angawi ABO Abdii Raggaasaa Ammas Eessa’kka Jiran Hin Beekamu’ Abukaatoo Isaanii"


Faayilii - Obbo Abdii Raggaasaa

Angawi Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Abdii Raggaasaa kamisa darbe lakkifamanus ammas deebiin to’annoo jela oolfamanii jiraachuu Abukaatoon isaanii himaniiru.Angawootni nageenyaa mootummaa dhimmi kanarratti yaada ha kennaniif gaafannus yeroof argachuu hin dandeenyee.

Obbo Tuulii Baay’isaa abukatoo Obbo Abdii Raggaasaati, Obbo Abdii erga poolisiin to’annoo jela oolcheen duuba dursa, himati gara jahaa irratti dhiyaatee akka turee fi, duuba ammoo himata sadiitti gadi bu’ee jechuun ibsu.

‘Mana Murtiin “Walaba” Ka Jedhaman Angawi ABO Abdii Raggaasaa Ammas Eessa’kka Jiran Hin Beekamu’ Abukaatoo Isaanii"
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:14 0:00

Dura himati jaha eerame, achiis sadiitti gadi buhes jechuun dabalanii dubbatan. Himannawwan abbaa alangaa kunis, tokkoffaan ‘bilbila hin eyyaammamne harkatti qabachuu yoo tahu, inni lammeen ammoo yeroo waraana bilisummaa Oromoo fi mootummaa walitti araarsuuf taasifamaaa ture san akka waraanni kun hin galle danquu fi inni sadaffaan immoo bara 2008 ajjeechaa angawa godina booranaa akka raawwatuuf hidhattoota naannoo sana socho’aa turan ajajdeetta ka jedhudha jedhu Abukaatoon Obb oAbdii Obbo Tuulii Baaysaa.

Kanaan duras dhaddacha taa’amaa tureen Obb oAbdiin yakka tokkoffaa fi lammaaffaa ittiin himatamanirraa bilisa tahuu manni murtii raggaasisee, kamisa darbe ammoo himata sadaffaa waa’ee ajjeechaa angawa mootummaa godina booranaan wal qabaterraa bilisa tahuunsaaniis mirkanaayeeraa jedhan mana murtiitiin.

Sanaan boodas kamisa darbe kana manni murtii olaanaa Oromiyaa; himata Obbo Abdiirratti dhiyaate kuffisee bilisaan akka lakkifaman murteessuus Obbo Tuulii’n dabalanii himu.

Dhaddachi ajajee erga mana hidhaa turanii bahanii booda Hollota bakka daalatti jedhamutti ammas humnoota uffata poolisii Oromiyaa uffataniin to’annaa jela oolfamanii amma eessa akka jiran hin beekamuu jedhu.

Obbo Lammii Gammachuu’ yeroo’f bakka bu’aa Qunnamtii Ummataa Adda Bilisummaa Oromooti, amma eessa buuteen isaanii ka wallaalame Obbo Abdiin, bitootessa 28, bara 2020 kaasanii to’annaa poolisii jela jiruu jedhu.

‘Maatiin isaanii waajjira poolisii alamganaa isaan keessatt ihidhamaa turan yoo gaafatu qaamni isaan achi kaayee ture utuu eessa akka isaan geessu hin ibsin fuudhee deemeera’ jedhan Sagalee Ameeriakaaf.

Obbo Tuulii’n; Abukaatoon Obbo Abdii yeroo ammaa hidhamtoota siyaasaa eessa akka jiran gaafachuun rakkisaadha jedhu. “Kanaafis irra deddeebiin gaafannus Obbo Abdii eessa buutee isaanii nama nuu himu hin arganne” jechuunis eeru.

Koomishiniin Poolisii Oromiyaa waa’ee lafaa to’annaa jela oolfamuu Obbo Abdii yaada haa kennuuf gaafannee deebii argachuuf hin milkoofne. Itti Aanaa koomishiner Geetaachew Ittaanaa; Itti gaafatamaan sabqunnamtii Koomishinichaa waan Obbo Abdii Odeeffannoo akka hin qabne himan. Itti aanuun garuu, Koomishinerii Poolisii Oromiyaa fi Itti gaafatamaa waajjira dhimma nageenyaa fi bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaarraa deebii arachuuf gaafannus itti milkaayuu hin dandeenye. Dhimma kanarratti deebii anagawootarraa akkuma arganneen sin biraan ka geenyu ta’a.

Yaadawwan Ilaali (2)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG