Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaddachi Federaalaa Dhimma Lamroot Kamaalirratti Murtee Kennuuf Ture Beellama Biroo Qabate


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Ajjeechaa Hacaaluu hundeessaan kan himatamte Laamroot kamaaliin dhaddachi mana Murtii Olaanaa Federaalaa ka Lidetaa jiru bilisa jedheenii ture. Yaa tahu malee Abbaan Alangaa Federaalaa murtee kana rratti Mana Murtii Olaaanaa federaalaa Siddisti Kiilootti Ol iyyannoo ka galafatee ture yoo tahu Dhaddachi oliyyannoo yakkaa lammaffaa dhimma Laamroot Kamaal irratti murtee kennuuf adoolessa 5, bara 2013tti beellama kennee ture.

Dhaddacha gaafa Adoolessa 5 bara 2013 rrattis abbaan seeraa, wal falmii garee lamaanii daddhacha darbeerratti murtee harra kennuun akka hin danda’amne eeranii ammas beellama biroo harraaf, jechaan, Adoolessa 22, bara 2013’f qabaniiru.

Harra dhaddacha dhimmi kanarratti taa’amerrattis, Abbootiin seeraa, murtee haqa tahe laachuuf dhadhachi galmeen yakkaa poolisiin ittiin jecha shakkamtuu kana fudhate haa dhiyaatu jechuun ajajanii beellama biro kennan.

Abbootiin seeraa kun, waayee himata kana waan qulleeffannuuf galmeen kun nu barbaachise jechuun beellama biroo Adoolessa 30, bara 2013f qabanii jirani.

Himatamuunis ma foddaan dhaddacha kana hordoftee, beellama kanarrattis komii akka hin qabne himte.

Ajjeechaa Hacaaaluun namoota to’annoo poolisii jela oolfamanii himanni itti baname afran keessaa takka ka taate Laamroot Kamaal, Gurraandhala 18 bara 2013 Mana Murtii Olaanaa Federaalaa lidetaatti dhiyaattee himata kanarraa bilisa jedhamtee turte. Alas ka ishee guula himataman, Xilaahun Yaamii, Kebbedee Gammachuu fi Abdii Alamaayyoo Manni Murtii Olaanaa Federaalaa lidetaa badii irratti muruun ni yaadatama.

Ammas Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Lidetaa yaada himatamtoota sadeenii kanaa dhaggeeffachuuf Roobii dhufu; jechuun Adoolessa 8, bara 2013tti beellama qabatee akka ture ni yaadatama.

Beellama darberrattis himatamaan duraa, abbaa maatii tahuu waan himeef, kun angawoota mootummaan mirkanaayee ragaan naaf yaa dhiyaatuu jechaan manni murtii lidetaa Adoolessa 27, bara 2013tti beellama biroo qabatee jira.

Dhaddachi Federaalaa Dhimma Lamroot Kamaalirratti Murtee Kennuuf Ture Beellama Biroo Qabate
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:18 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG