Xurree ittiin seenan

Breaking News

Aanaa Baloo Jagamfooyii Keessa Lolli Jiraachuu Dubbata, Koomishiniin Poolisii Benishaangul Gumuz


Sababaa waraansaatiin Naannoo Benishaangul Gumuz Godina Kaamaashii Aanaa Baloo Jaganfooy keessaa Buqqaane kanneen jedhanii fi Godina Wallagga Bahaa Aanaa Saasiggaa keessa qubachuu isaanii kanneen dubbatan – namoonni hagi tokko, gargaarsa gahaa hin arganne, jechuun Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himan.

Aanaa Baloo Jagamfooyii Keessa Lolli Jiraachuu Dubbata, Koomishiniin Poolisii Benishaangul Gumuz
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:22 0:00

Baloo Jaganfooyiin dabalatee aanolee Sadii keessatti, hidhattoota Sosochii Diimookiraasii Uummata Gumuz (GUHDEN) jedhaman wajjin lolli akka geggeeffamaa jirutti ka dubbatan - Komishiniin Poolisii Naannoo Benishaangul Gumuz gama isaaniin, hidhattootni GUHDEN 100 tahan ajjeefaman, jedhan. Hidhattootni kunneen Garee Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (IWAHAT) walin hidhata qabullee jechuunillee dubbata.

Gama Biraan, Komishiniin Hooggansa Sodaa Balaa naannichaa, Godina Kaamaashiitti namootni kuma 95 tahan dhiyeenya kana qe’eerraa buqqaafamuu ibsuun deggersa gochuuf komishinii Federaalaa waliin hojjataan jira jedha. Waajjirri komishinii Hooggansa Sodaa Balaa Godina Wallagga Bahaas, buqqaatotni Baloo Jaganfooyii dhufan gargaaramaa jiru jedhee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG