Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Ajjeechaa Haacaaluun Warra Himatamanirratti Murtee Dabarse


Faayilii - Artiist Haacaaluu Hundeessaa
Faayilii - Artiist Haacaaluu Hundeessaa

Mnni Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddachi dhimma shororkeessummaa fi heera mootummaa ilaalu harra namoota sadii kan ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaan shakkamanii dhiyaatan irratti kan inni murtee kana dabarse. Dhaddachi kunini dhaddacha adoolessa bultii 28, bara 2013 taayeen himatamaan jalqabaa Xilaahun Yaamii Baalchaa labsii adabbii yakkaa bara 1996 bahe keewwata 32/1, A, B fi akkasumas tumaa labsii yakka shororkeessummaa to’achuuf bahe labsii 1176/2012 keewwata 2/3 jelatti akka eerameen badii kana dalaguun isaa irratti murtaayeera.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Ajjeechaa Hacaaluun Warra Himatamanirratti Murtee Dabarse
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:03 0:00

Himatamaan lammataa Kebbedee Gammachuu Magarsaas yakka kana maallaqaaf jecha raawwachuu wal falmii dhaddachaarratti mirkanaayeera jedha murteen harra darbe. Kanaafis himatamtoonni lameen hidhaa cimaan akka adabamana murtaaye jechuunis abbootiin seeraa himanii jiran.

Harras dhaddachi kun, himatamaa jalqabaa Xilaahun Yaamii Baalchaa hidhaa cimaa umrii guutuu ka adabe yoo tahu, himatamaa lammataa Kebbedee Gammachuu Magarsaa irratti ammoo hidhaa cimaa waggaa 18 dabarsee jira.

Abbaan Alangaa himatamaa jalqabaarratti murtee jabeeffannaaf yoo sababa dhiyeessu, name kun HIWEHAAT fi hidhattoota mootummaan ‘shanee’ ittiin jedhu waliin tahuun yakka kana dalaguu eere. Kanaanis ajjeechaa kana raawwatee biyya keessatti goolama siyaasaa fiduuf akka akeekee ture hime.

Keessumaa himatamaan jalqabaa Ajjeechaa kana raawwachuun himatame, Xilaahun Yaamii harka namoota kanaatii qarshii 1500 fudachuu yakka kana yoo raawwate jireenya gaarii akka jiraatuuf qaamota inni waliin tumsaa turerraa waadaan galamuufiis dhaddacha kana gubbaatti himameera.

Himatamaan Xilaahun Yaamiis meeshaa waraanaa adoo kan ofii qabu kan himatamaa lammataan akka ajjeese manni murtii irra gahuu dhaddachi beeksise.

Himatamaan lammataas naannawa jireenyaa isaatti amala gaariin kan hin beekamne tahuu, dabalatas erga yakka kana hojjeteen boodallee guyyoota muraasaaf dhokachuun akka adabbii cimaan isaanirartti murtaawuuf akka sababaatti kaheera.

Himatamaan Sadaffaan Abdii Alamaayyoo Badhaanees yakka kana argee waan angawoota mootummaaf ykn humna nageenyaaf hin beeksisneef dhaddachi kun adabbii salphaa qarshii kuma tokkoo yookiin hidhaa jiha jahaan akka adabamu murteesseera. Himatamaan sadaffaan erga to’annaa jela oolee jiha jaha waan darbeef, yakka biraaf hin barbaadamu taanaan bilisaan haa gad dhiifamu jechaan dhaddachi murteesseera.

Himatuma kanarratti ka dhiyaattee turte himatamtuu sadaffaan Laamroot Kamaal Mahaammed dhaddachuma kanarratti gurraandhala 18, bara 2013 dhiyaattee bilisa jedhamuunsee ni yaadatama. Abbaan Alangaa yeros himata kana mana murtii walii galaatti kan iyyate yoo tahu, manni murtii Olaanaa federaalaa dhaddachi ol iyyannoo lammataa Siddist Kiiloos dhimmi himata ol iyyannaa laamrootirratti dhiyaaterratti murtee kennuuf Adoolessa 3o, bara 2013 beellama qabee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG