Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jiraattonii Magaalaa Dirree Daawaa qla’iinsii jereenyaa hammachuu isaa himan


Jiraattonii magaalaa Dirree Daawaa yeroo dhihoo asiitii qaala’iinsaa omisha midhaan nyaataa dabalaa deemaa jiruu irra kan ka’ee jireenyii itti ulfaachuu isaa dubbatani jiran.

Gabasaan Raadiyoo sagalee Amerikaa Addis Chekol Derree Daawaa irraa namoottan Haasofsiise keessaa tokko akn ta’an Adde Raaheel Nigaatuu, qaala’iinsa jireenya irraa kan ka’e yeroo ammaa kiraa manaa kaffaluudhaa fi waan mucaan isaani gaafatuu guutuu akka rakkatan himaniiru.

Bulchiinsii magaalaa Dirree Daawaa suuqotaa 300 , Magazanootaa fi mana daabboo 15 garmanlee gatii nama irratti dabaluu isaaniitif irgaa cufee boodaa , hawaasaa daldalaa wajjin marii taasisee gatii murtaawaa ta’ee raggaasisuudhaan manoottan daldalaa cufaman bane jiraa . haa ta’u malee daldaltoonii bakka biraatii gatii mi’aadhaan waan bitani fidaaniif gatiin mootummaan ramadee akka isaan miidhuu ibsanii mootummaan akka omisha midhaan nyaataa ofii isaa fidee raabsu gaafataniiru.

Bulchiinsa magaalaa Dirre Daawaatti itti aanaa itti gaafatamma waajjiraa Daldalaa, industrii fi Inveestimentii kan ta’an obbo Abdii Muktaar yaadda jiraattota magaalichaa irraa ka’ee kana Mootummaan naannoo Somaalee dursee Ojii irra ollchuu isaa dubaatanii, Dirree Daawaa irratis ojii irra oolchuudhaaf qajeelfama mootummaa feederaala eegaa akka jiran VOATi himaniiru.

Mootummaan Feederaalaa Seera Firaankoo Vaalutaa Baasudhaan Daldaltoonii Midhaan Nyaataa ittuu sharafaa Alaa hingaafatamin alaa galchuu akka danda’an ji’a 6n duraa baassus seerichii rakkoo hikuu hin danddeenye.

Qali’iinsii gatii ji’a Adoolessaa keessa dhibeentaa 20.6 gahuu isaa kan ibsee oddefannoon Addis Chekole, kuniss seenaa gabaa biyyatii keessatti yeroo jalqabaatiif akka ta’e ogeessotaa diinagdee waabeefachuudhaan ibseeraa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG