Xurree ittiin seenan

Breaking News

Weellisaa Zarihuun Wadaajoo Dhibamee Mana Yaalaa Seene


Zarihuun Wadaajoo

Weeillisaan angafnii fi beekamaan Zarihun Wadaajoo dhukkubsatee hospitaalatti akka wal’aanamaa jiru maatiin isaa VOA’tti himanii jiru. Haati Warraa Artist Zarihun, Aadde Olaantuu Gammachuu torban tokko dura dhukkubni itti hammaannaan yaalsisuuf gara Adaamaatti fiduu isaanii dubbatu. “Zarihun waggoota dura yeroo mana hidhaa ture miidhaan irra gahe yeroon yaalamuu dhabuu tu rakkoo kanaaf isa saaxile,” jedhu – Aadde Ol’aantuun.

Kan yaala fayyaa Artiist Zarihun hordofaa jiran, ogeessi Dhibee keessoo, Dr. Leggesee Alemaayyehu, Zarihun dhibee sombaa fi kalee akka dhukkubsate himanii, yaali barbaachisu kennamaafii akka jiru eeran.

ZARIHUUN WADAAJOO
please wait
Embed

No media source currently available

0:00 0:07:29 0:00


Yaadawwan Ilaali (13)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG