Kan mootummaan shoroorkeessaa jechuun ramadee fi human ittisa Tigraay jechuun of-waamuu Addi Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) senee ture kan jedhaman godiina Walloo Kibbaa aanaa Warra Baabboo gandeen adda addaa keessatti namoota nagaa 30 ta’an ajjeefamuu kan hin ollee ta’u mootummaan beeksisee jira.
ABUT Hagayya 24 galgala qabee hanga dhuma baatii sanaatti, haleellaa waraanaa gaggeessuu jiraattonni naannoo ogeessoota Midiiyaa achitti argamaniif ibsanii jiru.
Miidhaan mirga dhala namaa hamaan dhaqqabuu ibsanii, miidhaa olaanaa fi du’a keessummeessinee jirra kan jedhan keessaa tokk ganda 018 tokko ture jedhu. Ganda Galaanaa Goox keeessa kan jir
atan aaaddee Xoyibaa Mohammed, HIWAAT abbaa warraa isaanii kan umriin 22 na jalaa ajjeesee jedhu. Aaddee Ayshaa Saayiid immoo harmeen koo maanguddoo umrii dheeraatu na jalaa ajjeefame ejedhan.
Bulchaan ganda kanaa Seyid Mohammed namoota 14 caalaan ajjeefamuu fi kan mada’anii fi ukkamfamanii kan fudhataman jiraachuu ibsan.Bulchaa aanaa kan ta’an Kaalid Mohammed qaama shoroorkeessaa dha ittiin jedhaniin, gandee 6 keessatti weerarri gaggeeffamuu fi tarkaanfii fudhateenis namoonni nagaa 30 ta’an ajjeefamuu ibsan.
Reeffii namootaa akka hin awaalamnee dhorkamuu fi kunis gocha nanoomaan ala ta’u ibsan.Amma nagaan kan bu’e ta’uus humnii gocha kana gaggeesse naannoo ollaa jira jedhan.
Yeroo torban lama hin guunnee keessatti ajjeechaa jumlaan ennaa himatamuu kun lammaffaa dha.
Dubbii himaan HIWAAT Geetachoo Raddaafixiinsa torban dabree Tigraay dhiyaa keessatti fixiinsa dhaqqabe jedhan soba jechuun isaanii ni yaadata.Qaama walaba ta’eenis akka qoratamuu gaafatanii turan.