Xurree ittiin seenan

Breaking News

Golli Naga Eegumsaa Kan Tokkummaa Mootummootaa Hidha Laga Abbayyaa Ilaalchisuun Ibsa Kenne


Faayilii - Hidha Laga Abbayyaa
Faayilii - Hidha Laga Abbayyaa

Golli naga eegumsaa kan tokkummaa Fulbaana 15 bara 2021 mata duree nagaa fi nageenya Afriikaa keessaa jedhuun ibsa baasee jira.

Golli naga eegumsaa, Masrii Itiyoophiyaa fi Sudaan gidduutti walii galtee qajeelfama irratti hundaa’e Sadaasa 23 bara 2015 irra ga’ame tuqee jira. Golli naga eegumsichaa gaaddisa gamtaa Afriikaa jalatti gaaffii hidha laga Abbayyaa ilaalchisee ka’e illee hubatee jira.

Masrii, Itiyoophiyaa Sudaan afeerraa gamtaa Afriikaan marii sana akka itti fufan illee ni jajjabeessuu dhaan, hidha laga Abbayyaa bishaan itti guutuu fi akkaataa raawwatiinsa isaa bifa qaama maraan fudhatama qabuuf walii galtee jiruun yeroo kennameefitti akka raawwatamu yaadachiisa ibsi sun.

Golli naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa taajjabdoonni marii jaarsummaa gamtaa Afriikaan geggeessamu irratti afeeraman, akkasumas taajjabdoonni Masrii, Itiyoophiyaa fi Sudaan akka hirmaatan murteessan, furmaata dhimmootii teekinikaa fi seeraa akka mijeessan gochuuf akka irratti hirmaatan ni jajjabeessa.

Golli naga eegumsaa, biyyoonni sadan adeemsi marii gamtaa Afriikaan hoogganamu mala bu’a qabeessaa fi walii galteen akka itti fufsiisan waamicha dabarsa. Falmii dhimma bishaanii jiru ilaalchisee golli naga eegumsaa qajeelfama ykn ulaagaaleen kaa’e akka hin jiraatin ibsi sun beeksisee jira.

Dhimmi Laga Abbayyaa Furmaata Kan Argatu Marii Garee Sadanuu Yoo Itti Fufue Qofa: Ministeera Dhimma Alaa Itiyoophiyaa

Adda addummaan hidha laga Abbayyaa ilaalchisee Masrii fi Sudan waliin jiru furamuu kan danda’u mariin garee sandanuu yoo itti fufe qofaa dha jechuu dhaan ministriin dhimma alaa Itiyoopiyaa ejjenoo isaa irra deebi’uun ibsee jira.

Dubbi himaan ministriichaa Diinaa Muftii har’a tuuta oduuf ibsa kennaniin, kaleessa kan dura taa’aa gamtaa Afriikaa yeroo ammaa ta’an ministeerri dhimma alaa Ripaablikii Dimokraatawaa Koongoon dawwannaa isaan kaleessa geggeessan marii sana jalqabuu waliin kan wal qabatu jedhan jechuun Kenndy Abate gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG