WAASHINGITAN, DIISII —
Rakkoo nageenyaa fi gargaarsa namoomaa yeroo ammaa Itiyoophiyaa mudate karaa nagaa furuuf yeroo carraaqqiin hawaasa addunyaa itti fufee jiru kanatti, lolli waraana mootummaa fi humnoota riphxee-loltootaa gidduutti geggeessamu daranuu hammaatee giddu-gala biyyaatti dhihaataa dhufunn gabaasameera.
Muummichi-ministaraa biyyattii, Dr. Abiyyi Ahimadis, qaamaan waraanaa gidduutti argamanii hoogganuuf bobba’uun isaanii himameera. Duraan Yunivarsitii Amboo keessaa barsiisaa ka turanii fi amma as kutaa Minisootaa keessa ka jiraatan, hayyuun seeraa, Obbo Bahaar Umar, haala amma Itiyoophiyaa keessa jirtu irratti akka yaada isaanii nuuf kennan, Namoon dubbisee jira. Hordofaa.