Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haala Itiyoophiyaa Ilaalchisee Ministrii Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Ibsa kennee Jira


Dubbi Himaa ministira haajaa alaa Yunaaytid Isteets, Ned Praayis
Dubbi Himaa ministira haajaa alaa Yunaaytid Isteets, Ned Praayis

Gaanfa Afriikaatti jila addaa kan ta’an Jeffery Feltman dhiyeenya gara naannoo sanatti imalanii jiran. Ministriin dhimma alaa kana ilaalchisuun gaaffii tuuta oduu biraa dhiyaateef deebii kennee jira.

Haalli naannoo sana jijjiirama argamsiiseera yoo ta’e, gama jaarsummaan Washington haala akkamii irra akka jiru gaaffiin dhiyaateefii jira. Dubbi himaan ministrii dhimma alaa Ned Price deebii kennaniin nuti akka milkkaa’u kan barbaannu lolli hatattamaan akka dhaabatu, dhiittaan mirga namaa dhaqqabaa jiru akka dhaabatu, Tigraayii fi gara naannolee kaaba Itiyoophiyaa keessaaf gargaarsi namoomaa dhorkaa malee akka dhaqqabuu fi walitti bu’iinsa biyyattii qofa utuu hin taane gaanfa Afriikaaf balaa ta’e furmaata akka argatu jedhan.

Waraanni walitti bu'insaaf furmaata akka hin ta’in ni beekna jedhaniiru. Kanaaf nuti diplomaasiin furmaata isa duraa, duma fi walitti bu’iinsa kana furuuf filmaata tokkicha ta’uu isaaf deggersa qabnu ni mul’isna. Mootummaan Itiyoophiyaa amansiisaa fi marii biyyoolessaa hunda hirmaachise akka jalqabu irra deebi’uun gaafanna jedhan. dhugumatti humnoonni Tigraay naannolee kaaba Itiyoophiyaa keessaa ba’uu isaanii gabaasaaleen jiraachuu hubannee jirra. Akkuma beekamu humnoonni TPLF Tigraayitti akka deebi’an dabalatee lolli sun akka dhaabatu gaafataa turre. Gargaarsa namoomaaf daandiin akka saaqabu, dhiittaan mirga namaa akka dhaabatu, walitti mu’iinsi mariin akka furamu yeroo dheeraaf gaafataa turre. Humnoonni Tigraay gara Tigraayitti deebi’uu arginaan nu gammachiisa, kan nuti gaafataa turres kanuma. Kanaaf diplomaasii bal’aa ta’eef daandii saaqa jennee abdanna jedha ibsi ministrii haajaa alaa Ameerikaa biraa jalqaba torban kanaa kenname kun.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG