Mootummaan Ertraa dirqama sadarkaa addunyaatti irraa eegamuu kabajuu akka qabu, kan hubachiifte Yunaaytid Istees, lammiwwan isaa hojii seeraan ala nama deddebisuu dabalatee, hojii humnaa irratti bobbaasuu akka dhaabu gaafatte.
Kana malees, dirqama tajaajiila waraana biyooleessaa fi kan milishoota biyyatti yeroo hin murtofneef tajaajiiluu akks itti fuufan dirqisisuu ykn yeroo seera irra hin ka’amneen akka tajaajiilan gochuu dabalata.
Dirqamnii waraana biyyooleessaa akkuuma seera biyyatti irra ka’ameetti baatii 18 qofaaf akka ta”u qabuu gaafatee jira.Kana malees Amerikaan uummata Ertraa cina kan dhaabtu ta’u beeksisee jira.
Kan ilaalchisee dubbii himaa fi hogganaan waajira prezidaantummaa Ertraa Yemaanee Gabra Masqal Twitarii irratti deebii kennaniin, himannaan Ertraa irratti tuulamuu yeroo tokko tokko hedduu ta’u isaa akkasumas seeraan ala nama deddebisuu kan jedhamee Kanaan Ertraan kan miidhamtu malee kan gaggeessutu akka hin taanee, kanaafis Tokkummaan Mootummootaa qorannaa akka gaggeessuu gaafatan.
Waashigtan biyyoota waan akkasii dhaabsiuuf hojii qubsaa hin hojjannee jettee tarreesitee keessa, jirti jedhan.