Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashaan Waajiira Mirga Namoomaa Cufuun Rifaatuu Uumee Jira 


Gaazixeessonni waaltaan mirga namaa Raashiyaa cufamuu ilaalchisee yakka ilaalcha mana murtii teleivziyoonaan ennaa daawwatan (AP Photo/Alexander Zemlianichenko)
Gaazixeessonni waaltaan mirga namaa Raashiyaa cufamuu ilaalchisee yakka ilaalcha mana murtii teleivziyoonaan ennaa daawwatan (AP Photo/Alexander Zemlianichenko)

Manni murtii mummichi kan Raashiyaa garee mirga namoomaa Mimooryaal Intarnaashinaal jedhamu akka cufamuuf murteessuu isaa, namooota beekamoon kan seenaa fi kan waa’ee mirga dhala namaa rifachisee jira.

Gareen kun dararaa seena qabeessa ta’an kan baraa tokkummaa sooviyeet duraanii fi namoota hogganaa abba irree yeroosii Joseef Istaaliniin ajjeefaman galmeessa.

Yeroo dheeraa qabee mufannaan aangawoota Raashiyaa kan isa mudatee gareen mirga namoomaa kun, jaarmayoota kan mootummaa hin ta’iinii fi kanneen biroo akka dhaabta alaa fi gargaarsas alaa argatuutti jiraniif seera ba’e cabsee jedhamee akka cufamuuf murtiin dabree.

Kanneen masaraa Kreemliin qeeqn garu, dhaabatti kun sababaa siyaasaaf irratti qiyyaafatame.

Dhaabata Mimoriyaal Intarnaashinaal waliin kan hojjatu waaltaan mirga namoomaa kan Mimooriyaal jedhmuu fi namoota siyaasaa Raashiyaa ishee ammaa keessatti hidhamaniif falmuus, doorsiisa seeraa jala jira.

Abbotiin alangaa kan Raashiyaa Moskoo keessatti Robii har’a maxxansa isaa keessatti shoroorkeessuummaa fi leellistummaa deggera jechuun himachuuf jiru.

Ministeerrii hajaa alaaa Amerikaa Atonii Bliinkan ibsa Kibxta kaleessaa galgala baasaniin, uummanni Raashiyaa fi uummata Miliyoona hedduu kan bara tokkummaa sooviyat dararaman waan gaarii kana caalee argachuu qabu jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG