Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raabsii Talaalii KOOVIID Afrikaa Keessatti Maaliif Danqame?


Afrikaa keessatti raabsii talaaliin farra dhukkuba KOOVIID-19 gad bu’aa ta’uun, weerara marsaa haaraa ka’e kana keessatti yaaddoo uumee jira.

Waaltaan to’annoo dhukkubootaa kan Afrikaa akka jedhutti, uummanni 227, ta’an du’uun gabaafamee ture.Biyyoota Afrikaa keessaa 20 qofaatu hanga walakeessa baatii muddeetti, uummata isaanii 100 keessaa harka 10 qofa talaalee jedha Tokkummaan Mootummootaa.

Afrikaan talaalii argachuu dhabuun danqaa isa guddaa ta’u, yoo biyyoota dureeyyii biraa ergamees suuta gamas dhaqqabuun, akkasumas yeroo dhaqqaban immo, yeroon uummata biraan ga’uuf caasaa ga’an akka hin jirre ibsamee jira.

Gaafa Muddee 22 mootummaan Naayjeriyaa talaaii gargaarsaan argamee kan Astraa Zeneekaa Miliyoona tokko caalaa yeroon itti hojii irra ooluu waan darbeef jedha dhabamsisuu isaa aangawoonni beeksisanii turan.

Gama kaaniin gamtaan Afrikaa fi waaltaan ittisaa fi to’annaa dhukkubootaa kan Afrikaa, talaaliin sun Afrikaa keessatti akka oomishamuuf dhiibbaa gochuuf yaalaa jiran.

Rakkoon biraa biyyoota talaalii argatan keessatti baqattoota talaauuf danqaa gama bulchiinsaa fi kanneen birootu jira jedhu dubbii himtuun dhaaba baqattootaa kan tokk mootummootaa (UNHCR).

Biyyonni Hangii tokko waraqaa eenyummaa gaafatu, isa moo baqattonni hin qaban jedha.Warri kaan talaalamuuf kan namoota galmeessan gama komputaraan waan ta’eef, kanneen carraa kompuutara fayya damuu hin qabnee fi yoo argataniis akka itti fayyadaman hin beekneetu jira jedhu dubbii himtuun kun.

Rakkoon biraa immoo talaalii KOOVIID ittisuu kan ilaaleen odeeffannoo sirrii hin taaneetu faca’ee jira jedhu hayyonni.

XS
SM
MD
LG