Xurree ittiin seenan

Breaking News

Antoniyoo Gutarrees Dhaamsa Waggaa Haaraa Dabarsan 


Barreessaa dureen Tokkummaa Mootummootaa Antoniyoo Gutarrees ergaa waggaa haaraa dabarsaniin, dhukkuuba KOOVIID-19 fi jijjirama qilleensaa akkasumas haala dadii geesisan kanneen biroon addunyaa waggaa guutuu rakkataa turte gara daandii bayyanachiisuutti deebisuuf addunyaan tokkummaa haa qabaannu jechuun gaafatan.

Hegeeree foyya’ee qabaachuuf waan barbaachisuu kan ibsan Gutarrees, waan hamaa bara 2021 keessa ta’ees xiqqeessuu ykn jallisuu hin feene.

Addunyaan bara 2022 ennaa simatuu, hegeereen jiru keessatti qoramsii akka jiru hubachaa ta’a. Kunis, hiyyuma jabaatee fi wal qixxummaan dhabuun hammaachuu isaan, Talaaliin farra KOOVIID 19 wal qixxee raabsamuu dhabuun, Jijjirama qilleensaa ittisuuf waadaan seename fixaan ba’u dadhabuun, walitti bu’iinsa, addaan wal qoodamiinsa gaggeeffamaa jiruu fi odeeffannoo sirrii hin taane taanee facaasuun rakkoo ta’u jedhan.

Gama kaaniin immo,tooftaa ittiin bara 2022 rakkolee kana keessaa haala ittiin bayyanachiisan Gutarrees ibsanii jiru.

Knis Nama hundumaa Talaalii waliin ga’uuf karoora bal’aa baasuun weeraa KOOVIID-10 keessaa ba’u, dinadee bayyanachisuuf biyyonnni dureeyyiin biyyoota guddataa jiran deggeruun, maallaqa invastmeentii fi liqaa irraa qaban dhisuufii akka qaban,walitti bu’iinsa keessaa ba’uuf, afuura haaraan marii gageessuun, falmii jiru furanii araara buusuu, akkasumas addunyaa keenya keenyaaf waadaa jijjirama qilleensaa ittisuuf seenamee bal’ina fi ariitii rakkoo mudateen wal simsiisanii kennuu dha jedhan.

Yeroo rakkoo guddaan mudatuu, carraa guddaanis akka banamuuf karaa ta’a kan jedhan Gutarrees, biyyonni hundumtuu bu’aa uummata isaaniif jecha walitti dhufanii tokkummaa akka qabaatan gaafatan.

Dhuma irrattis HunDuuma keessaniif waggaa haaraan kan Gammachuu fi Nagaa isiniif haa ta’u jechuun hawwii isaanii ibsan Gutarrees.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG