Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Baaydiin Gita Isaanii Kan Raashiyaa Akeekkachiisan 


Prezidaantiin Yunaaytid Istees Joo Baaydiin Kamiisa kaleessaa gita isaanii kan Raashiyaa Vlaadmiir Putiin waliin bilbilaan daqiiqaa 50f yeroo dubbatanti, Raashiyaan muddamsa Yukreen waliin qabdu gad qabuu qabdii jechuun gaafachuu isaaniiWaayit Hawuus beeksisee jira.

Prezidaant Putiin waa’ee waraana isaanii naanoo daangaa Yukreen irra hedduminaan qubachiisan sana kan ilaaleen waadaa qabatamaa hin seennee jechuun aangawaa gameessi bulchiinsa jiru dubbatanii jiran.

Raashiyaan kana dabartee Yukreeniin weerartii taanaan, Yunaaytid Isteetes fi waltaatoonnii ishee akkasumas, michoonni ishee deebii murteessaa ta’e kennuu jechuun Baaydiin ifa gochuun Putiinitti himuu isaanii itti gaafatamtuun preesii kan Waayit Haawuus Jeen Saakii ibsanii jiru.

Angawaan sadarkaa olaanaa masaraa Kreemliin kan Raashiyaa oduu gabaastotaaf akka ibsanti, yoo Raashiyaan Yukreeniin weerwrtee Amerikaa fi wall taatoonni ishee uggura dinagdee jabaa kan irra kaa’uuf jiran ta’u, Baaydiin Putiniin akeekkachiisan jedhan.

Putniis gama isaanii akeekkachiisa kennaniin, tarkaanfii akkasii fudhachuun hariiroo biyyoota lameen gidduu guutummaatti mancaasuu mala jedhan.

Biyyonni lameen baatii Amajjii bor seenuu gaafa 10ni, marii sadarkaa sadii qabu gagggeesuuf karoorrii akka jiru Saakiin ibsanii jiru.

Marii kana irratti foyya’insii gaariin kan argamu, muddamsa jiru hammeessuu manna laaffisuun yoo jiraate qofa jechuun Baaydiin dubbachuu isaanii Saakiin itti dabalanii ibsan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG