Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jiraattonni 195,000 Ol Ta’an Qe’ee Isanii Irraa Buqqa’aniiru 


FAAYILII - Buqaatota Godina Wallaga Lixaa Aanaa Horoo Limmu qubatanii turan
FAAYILII - Buqaatota Godina Wallaga Lixaa Aanaa Horoo Limmu qubatanii turan

Jiraattonni Godinaalee kanneenii tokko tokko kan Raadiyoon Sagalee Ameeikaa bilbilaan dubbise akka himanitti "humnoota nageenyaa mootummaa , Faannoo fi Hidhatoota shanee wal ta'uun lubbuu namaa fi qabeenyaa irratti haleellaa raawwate jechuun ibsaniiru.

Dhimma kanarratti, obbo Haayiluun, "Kuni soba' erga jedhan booda, "baatii Onkololeessaa darbe keessa Finxaaleyyiin Afaan Amaaraa dubbatan, namoota nagaa ajjeesanii turani, amma immoo hidhatoota shaneetu ajjeechaa raawwate jechuun itti dabalan.

Hidhattootni Mootummaan "Shanee" jedhu, isaan ammoo "WBO" jechuun of waaman, gochoota mootummaan ittiin himatu, kanaan dura haalaa turan.

Komishinarri Itti aanaa Komishinii Hooggansa Sodaa Balaa, Obbo Garramuu Oliiqaa, "Buqqaatota Godina Wallaggaa Bahaa kuma 195 ol tahaniifi akkuma Oromiyaatti, bakka garaa garaa keessaa qe'ee ofiirraa buqqa'an deebisuuf hojjatamaa jira" jedhaniiru.

Dhimma kanarratti, Ministeera Nageenyaa Federaalaa irraa deebii argachuuf yaaliin goone ammaaf hin milkoofne.

please wait

No media source currently available

0:00 0:07:21 0:00

*Suuraan gabaasa kana wajjin duraan bahe zababa dogoggoraaf jijjirramee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG