Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeniyaa Keessatti Gurmuun Tajaajila Uummata  Lammiwwan Iyyeeyyii Koovid’n Qabaman Gargaaraa Jira  


Afrikaa keessatti ganda iyyeessonni keessa jiraatan guddicha ka magaalaa Naayiroobii keessatti, gareen tajaajila fayyaa hawaasaa tokko namoonni yeroo dhukkuba KOVIDn qabaman akka tajaajila fayyaa hatattamaa gatii laafaadhaan argatan gargaaraa jira.

Namoonni iyyeeyyiin kanneen akka ganda Kibeeraafaa keessa tajaajila fayyaa hatattamaa argachuun ulfaataa yo tahu, gandeen hospitaalonnii fi kilinikoonni jiran keessattillee – kan geejjiba Ambulaansii dabalatee gatiin tajaajila yeroo hatattamaa kan of irraa baasuun danda’amu miti.

Kan ganda Kibeeraa keessatti dhalatee guddate – Moosees Omondii, gurmuu hawaasaa ka tajaajila fayyaa yeroo hatattamaa hundeessuudhaan, jiraattoota gandeen iyyeeyyiif, geejjiba ambulaansii dabalee - tajaajila fayyaa yeroo hatattamaa baatii tokkotti qarshii tokkoon kennaa jira.

“Namni Ambulaansiin tajaajila fayyaa yeroo hatattamaaf geessamee, kilinikonnii fi hospitaalonni tajaajila kennuu hin didan,” jedha – Mooses Omoondii.

Naayiroobii keessatti, dhabbatoota kan mootummaa hin taanee fi jaarmayaalee gargaarsaa kaan tu tajaajila kana deggera. Haga ammaatti ganda iyyeessaa magaalattii keessaa kan uummata kuma dhibba lamaa fi kuma shantama qabu keessatti, konkolaataa Ambulaansii tokkittii tu tajaajilicha kennaa jira. Aangawoonni lakkoobsa kana gara shaniitti ol guddisuuf abdii qaban.

Tajaajili geejjiba Ambulaansii Keeniyaa keessaa, akaakuu tajaajila kennamuu irratti hundaa’uudhaan, hanga doolaara Ameerikaa 400tti gatii nama baasisa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG