Angawoonni Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) duraanii kanneen hidhaa keessa turan himannaan isaanii addaan cite akka gadhiifamaniif mootummaan murteessuu isaa, paartileen morkitootaa tokko tokko mormanii jiru.
Murtiin kennamees Haqa, olaantummaa seeraa fi bilisummaa dhaabbattootaa kan dhiibuu fi midhaa uummataa salphisee kan ilaalee jedhan.
Mummichi ministeeraa Abiyyi Ahmad kaleessa ibsa kennaniin, murtiin kun mootummaas dabalatee kan naasisee ta’uus, bu’aa yeroo dheeraa kan Itiyoophiyaaf waan gaarii fi deggersa godha jechuun dubbatan.
Hogganoonni ABUT duraanii akka hikamaniif murtii mootummaan Itiyoophiyaa dabarse, heeraan ala, waan gaarii hin taanee fi sababaa qubsaa kan hin qabne jechuun Izemaan ibsa kaleessa baaseen hubachisee jira.
Kana malees murtiin kun gareen qabsoo hidhannoon jireenya uummata Miliyoona hedduu rakkoo keessa busee kun itti gaafatamnii akka waan hin jirreetti lakkoobsiisa jedha.
Mummichi ministeeraa Abiyyi Ahamd uummataaf akka ibsanti, umrii isaanii fi haala fayyaa isaanii ilaaluun akkasumas marii guutuu biyyaa gaggeeffamuuf jiruuf haala mijeessuuf akka gadhiifaman murtaa’ee jedhan.
Paartiin sochii Deemookraatawaa Amaaraa fi Paartiin Innaat murtii kenname irratti mormii isaanii ibsanii jiru.