Bulchiinsa naannoo Tigraay keessatti wal waraansa baatii 14f gaggefefameen uummata manaa fi qe’e ofii irraa godaanan mooraan keessa qubatan irratti samii irraa haleellaan lubbuu galaafate eega gaggeeffamee booda, dhaabtonni gargaarsaa hojii isaanii dhaabuu Tokkummaan Mootummootaa Dilbata kaleessaa beeksisee
Haleellaan kun kan gaggeeffame mootummaan Itiyoophiyaa araaraa guutuu biyyaaf waamiicha eega dhiyeessee satilee muraasa keessatti ture.Gochi kun immoo walitti bu’iinsii hamaan kun akka dhaabatuu gochuuf hawaasnii addunyaa yaadda’an iyyata isaa akka haareessu taasisee jira.
Waajirri gargaarsa dhala namaa kan Tokkummaa Mootummootaa(OCHA) ibsa barreeffamaa dhaabta oduu Ajaans Fraans Presiif ergeen haleellaan kun Jimaata dabree walakeessa halkanii magaala Dedebiit kan Tigraay Kaaba dhiyaa irratti kan gaggeeffame yoo ta’u siviloonni hedduun miidhamanii kanneen ajjeefamanis akka jiran gabaasa isaa jalqabaan hubachisee jira.
Michoonni gargaarsa dhala namaa sodaa haleellaa samii irraa Droniin gaggeeffamuuf jecha hojii naannoo sanatti gaggeessan dhaabanii jiru.
ABUT akka jedhutti haleellaa Kanaan namnii 56 ajjeefamanIIRU. Aangawaan Hospitaala guddaa Maqalee jiru immo 55 ajjeefamuu fi 126 madaa’uu gabaasee jira.
Dubbii himaan ABUT Geetaachoo Raddaa Dilbata kaleessaa Twitarii irratti akka barreessanti, Tigraay Kaaba Dhiyaa keessatti waraannii Ertraa sambata dabree looltoota keenya irratti haleellaa banan jedhan.
Kanas madden walabaa biraa mirkaneessuun hin dandaamne.Angawoonni mootummaa Itiyoophiyaa kana irratti deebii akka kennan gaafatamanii kan jedhan hin qaban jedha AFPn.