Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gazexxesituu Bara Dheeraa Gannat Mitikkee Sirnii Awwaalcha Ishee Gaggeeffamee Jira


Gennet Mitikkee
Gennet Mitikkee

Gaazexxessituu bara dheeraa barsiiftuu Afaanii fi qasooftuu hawaasummaa kan turte Gannat Mitikkee as Amerikaa keeessatti du’an eega boqottee booda, sirnii awwaala ishee Dilbata kaleessaa Finfinnee keessatti gaggeeffamee jira.

Genet Mitikkee Raadiyoo Sagalee Amerikaa kutaa gaanfa Afrikaa keessa Gaazexxesituu fi produusarii ta’uun hojjataa kan turte yoo ta’u, duraanis Televiziyoona Itiyoophiyaa keessa Gaazexxessummaan hojjataa turte.

Kana malees aadaa midhaa dhaqqabsiisan ittisuu kan dubartootaa qiyyaafatu giddu gala Itiyoophiyaan Naashinaal Seentar hundeessuuf kan gargaarte yoo ta’u, kanneen hogganan keessaas tokko turte.

Gennet Mitikkee waajiira ministrii dantaa alaa Amerikaa keessatti Diploomaatoota dargaggoo ta’an Afaan Amaaraa barsisaa turte.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG