Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaaytid Isteetes fi Raashiyaan Marii Jalqaban


Diploomaatonni Yunaaytid Isteets fi Raashiyaa Jenevaa keessatti har’a kan wal ga’an yoo ta’u, kunis jalqabbii marilee sadarkaa olaanaa torban kana itti fufiinsaan gaggeeffamanii ta’uun ibsamee jira.

Raashiyaan waraana ishee hedduminaan daangaa Yukreen waliin qabdu irra qubachisuu fi biyyonni gama dhiyaa wabii nageenyaa akka kennaniif Raashiyaan gaafachuu ishee irratti fulleeffata.

Dubbii himaan ministrii dantaa alaa Yunaaytid Isteets akka jedhanti, mariin suun akka lakkoobsa biyyatitti ganama sa’atii 9 irratti kan jalqabamee yoo ta’u, gamnii Yunaaytid Isteetes Yukreen waliin qofa otoo hin taanee garu Neetoo fi michoota kanneen biroo Awuroopaa keessaa waliin dubbachaa irratti hojjachaa jiru.

Yunaaytid Isteetes yukreen dabalatee waa’ee nageenya michootaa fi waltaatoota keenya kan Awuroopaaf, qajeelfa qabnuuf cicha qabna Jedhan dubbii himaan kun ibsa baasaniin.

Walgahii Jeneevaa kana booda, Raashiyaan Robii dhufu Neetoo waliin Braasals keessatti marii kan gaggeessan yoo ta’u, gaafa kamisaa immoo, nageenyaa fi wal ta’iinsa Awuroopaa kan ilaaleen viyeenaa keessatti dubbatu.

Walgahii har’a kana dura Diploomaatonni biyyoota lameenii yaada kennaniin, muddamsii biyyootii isaanii lameen gidduu torban kana ni laaffata abdii jedhu xiqqoo qabna jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG