Xurree ittiin seenan

Breaking News

An Saan Suu Kii Hidhaa Waggaa Afurii Irratti Muramee


Hoggantuun Maaynamaar duraanii Ann Saan Suu Kii Reediyoo qunnamtii namnii lama ittiin dubbatu ykn wookii Tokii jedhamuun beekamu, seeraan ala biyya seensisanii qabeenya ofii taasiisan akkasumas, seera vaayrasii Koronaaf ba’e cabsan jedhamuun adabii hidhaa waggaa 4 har’a irratti muramee jira.

Maddeen mana murtiitti hidhata qaban dhaabtoota oduuf akka ibsanti, seera mi’a adda addaa biyya seensisuu ykn baasuu kan ilaaleen seera cabsaniif hidhaa waggaa lamaa, seera weerara vaayrasii Koronaa ittisuuf baasee cabsuun immoo hidhaa waggaa lamaatu irratti muramee jedhu.

Baatii tokko dura hokkara uummataa kakaasuu fi seera dhukkuuba KOOVIID-19f ba’e hin kabajnee jedhamuun adabbiin hidhaa waggaa 4 kan irratti muramee ture yoo ta’u hogganaan waraana biyyatti waggaa lamatti gad cabsaniifii turan.

Umriin isaanii 76 kan ta’e suukiin himannaa irratti dhiyaata maraas balleessaan irratti muramnaan hidhaa waggaa 100 caalaatu isaan eeggata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG